Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bokkaan kalee barraaqa Adaamaatti roobe waan hedduu balleessee nama 4,500 baqachiise


Bokkaa Adaamaatti roobe
Bokkaa Adaamaatti roobe
Lolaan Adaamaa nama kuma 4,500 baqachiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:45 0:00
Xurree marsariitii

Bokkaan guddaa kalee barraaqa Adaamaatti roobe lolaa guddaan dhufee Adamaan gamii tokko bisaaniin guutame.

Akka jiraattotii jedhanitti bokkaan dhiyoo tana roobuutti jiru Adaamaa keessaayyuu nama hedduu baqachiise.

Keessattu Adaamaa keessaa jiraattota ganda 09, 02.03 fi 05 fa hedduu miidhee qabeennallee balleesse.

Maatiin hagii tokkoo gara firaa fi fiixaa isaa magalaa dhibii jiruutti baqate.

Warra lolan halkan nutti cabsee maatii waliin baqannee muka irra irra bulle jedhe keessaa tokko aaddee Bilisummaa Huseen.

Aaddee Bilisummaan dubartii ulfaa ta ji’a sagaliiti.Akka jecha aaddee Bilisummaatti dhiirsa isii,soddaa isii fi hojjattu mana isii baqatanii muka irra bulan.

Lolaa ganama mana isaaniitti cabse jalaa baqachuuf gurmuu abbaa warraa isii irra dhaabattee muka kortee haga barraaqa saatii sagalii ganamaa achuma irra turee jetti.

Lolaan Adaamaatti baafate mudhii bira dabree haga mormaa namaa gaha. Abbaan warraa aaddee Bilisummaalleen lola haga mormaa gahuuf keessa seenee jaarii isii muka irratti baqachiise.

Aaddee Bilisummaan lolaan kun waan hedduu nurraa balleessee jetti.“Mana kibaa,kuusaa mana kitaabaa,qabeenna keenna tokko nutti hin hafnee amma Bishooftuu bira jiraa,”jette.

Warrii qabeennii irraa bade gargaarsa womaallee hin argannee jedhee himata.

Bulchiinsii magaalaa Adaamaa ammoo waan hedduun nama gargaaruutti jirraa jedha.

Akka obboo Habiib Qaasim,itti gaafatamaa biiroo odeeffannoo bulchiinsa magaala Adaamaa jedhutti bulchiinsii isaanii ummaa waan hedduun gargaarutti jira.

Bokkaan Adaamaa kun akka jiraattotii jedhanitti waan ganna kurnya hedduu keessatti arganii hin beenne.

XS
SM
MD
LG