Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dura taa’aa gamtaa Afriikaa haaraa filachuun ajandaa gumii gamtichaa ta’uuf jira.


Loogoo Gamtaa Afriikaa
Loogoo Gamtaa Afriikaa

Hoogganoonni biyootii Afriikaa Kigali Rwanda keessatti wal ga’uuuf jiru. Ajendaan isaanii inni ijoon kan Dr. Nkosazana dlamini Zumu kan bakka bu’u dura taa’aa komiishina gamtaa Afriikaa itti aanu filachuu dha. Zuumaan waggoota itti aanan arfan darbaniif aangoo sana erga qabatanii booda gad dhiisuuf jiru. Elissa Jobson garee walitti bu’iinsa biyyootaa qoratu kan “International Crisis Group” jedhamuuf gorsaa dhimmootii hariiroo gamtaa Afriikaa ti.

Komiishina gamtaa Afriikaa eenuyutu hooggana isa jedhu irratti fuuleffachuun barbaachisaa dha jedheen yaada. Hedduu kan itti yaadamuu qabu kana. Dura taa’aan gamtichaa, ajandaa dinagdee, polotiikaa fi hawaasaa bifa qabsiisuuf itti gaafatamaa dha. Kanaaf kaadhimamaaaa hojii kanaaf malu isa gaarii qabaachuun dhugumatti dhimma isa ijoo dha jedhan.

Kaadhimamtoota sadiitu jira. Lamaan isaanii ministeerota dhimma alaa kan yeroo ammaa yoo ta’an, tokko Bootswana tokko immoo Equatorial Guinea irraa ti. Kaadhiamaa sadaffaan itti aanaa prezidaantii Ugandaa duraanii fi HIV/AIDS Afriikaa keessaaf jila addaa tokkummaa mootummootaa duraanii ti.

As Washington keessa kan maadheffate Waaltaa Afriikaa fi gumii Atlaantikiif directera kan ta’an Peter Pham sagaleen sadii keessaa lama waan barbaachisuuf kan Dlamiini Zuma bakka bu’u gumii kana keessaa filatamuu dhiisuu mala jechuun akeekkachiisan.

Qaamni garee biyyoota 54 qabu kun paaspoortii electronkisii kan odeeffannoo namoota dhuunfaa qabate kan e-passport jedhamu hogganootaa biyyootaa kanneen bakka bu’oota dhaabbatoo biyyoolii kanaa ta’anii fi ministeerota dhimmootii alaaf qopheessuuf jira.

Dura taa’aa gamtaa Afriikaa haaraa filachuun Ajandaa gumii gamtichaa ta’uuf jira.
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:11 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG