Xurree ittiin seenan

Gamtaa Mootummootaa Gumii Eegumsa Naannoo Wal Gahii Isaa Lammaffoo Keeniyaa Naayiroobiitti Taa’aa Jira


Wal gahiin kuni haga boruutti ka itti fufu yoo tahu, haga yoonaattis faalamni qillleensa akkaataan inni itti jiruu namaa miidhaa jiru irratti gadi fageenyaan mariyateera. Walgayicharratti ka haasaa fi ibsa godhan Hoogganaan Gumichaa Mr Ashiim Isteeyiner, Addunyaan Keenya guddina agarsiisaa jirtu yoo itti fufuu feete hojii eegumsa naannoof dursa kennuu akka qabdu himaniiru.

Dhimma faalamuu qilleensa naannoo irratti xiyyeeffachuun Gamtaa Mootummootaatti Gumiin Eegumsa naannoo walgayii isaa isa lammaffoo isaa Naayiroobiitti gaggeessaa jira. Gaabasii fi bu’aaleen qorannoo walgahii kanarratti dhiyaataa jiran akka agarsiisaa jiranittii, haalli qilleensaa addunyaa fi eegumsi naannoo rakkoo cimaa keessa jiraachuu ibsanii jiran. Sababa kanaatis Afriikaa fi Eeshiyaa keessatti namoonni hedduun hanqina midhaan nyaataaf saaxilamaniiru.

Barruun Wal gahii kana irratti dhiyaate akka agarsiisuttii, Keessumaa naannoo magaalotaatti qilleensi akka malee faalamuun waggaatti lubbuu nama miiliyoona 8 oli darbuuf sababa ta’eera. Kanaafis ka’umsi bosonni hedduu gubachuu fi namoonnis bosona garmalee bobeeffachuuf mancaasuun isaaniiti.

Roob Dii Jong Gamtaa Mootummootaa Gumii Eegumsa Naannootti Itti gaafatamaa Kutaa Sababoota ka’umsa faalama qilleensaa to’atuudha. Yoo waraqaa qorannoo isaanii dhiyeessanis, waan qorannoon taasifne nutti agarsiisu, eger hojii jabaan akka nu eeggatudhaa jedhu.

"Waanti nuti dhugaatti argaa jirruu, baayyee hojjatuu akka qabnu nuuf agarsiisa. Faalamni qilleensaa maaliif dhibbeentaa 10’n dabaluuun itti fufee ?Akka ani jedhutti nuti waan nurraa eegamu gochaa hin jirruudha. Waa hedduu dubbachuu hin barbaadu, garuu waantin jedhu, biyyoonni hedduun dhimma bosona eeguu irratti sagantaa baayyee gaarii qabu. Ka isaan kana gochuu danda’anis jiraattota qoraan bosona keessaa fayyadamaniif sunsuma qoraan qusattu hiruufiidhaani. Garuu gama haara konkolaataa keessa bahu kan qilleensa faalaa jiru to’achuutiin waanti godhamaa jiru hin jiru. Nuti hamma nuuf dandaa’ametti waan dandeenye yaalaati jirra; kanaaf fakkeenya ka ta’ummoo murtee hawaasni biyyoottan Afriikaa bahaa murteeffataniidha.

Waanti isaan godhanis walii galanii, sadarkaa konkolaataa gara biyya isaani seenuu qabu waliin baafatani,akka biyyoottan dhihaa kaan. kana gochuunis waan miidhaman takkaa hin jiru. Garuu gaaffiin kiyya waa’ee waan kanaa biyyoottan Afriikaa kaan maal gochaa jiruu ka jedhuudha , garuu dhugaan lafa jiru nama yaaddessa, gaggeessitoonni kuni homaa gochaa hin jiran."

Miseensonni Hawaasa Biyyoottan Afriikaa Bahaa waggaa lamaan dura labsii waliinii haala konkolaataa itti gara biyyasaaniitti galfatan ka labsan yoo tahu, biyyoottan Afriikaa kaanis yoo mala kana fayyadaman qilleensa isaanii faalamuutti jirtu kana fooyyessuullee akka danda’an qorannoon dhiyaate kuniin ni mullisa.

Magaalaan Chaayinaa Beejiing ka duraan faalama qilleensaan beekamtu to’annoo teeknooloojii irratti hundaa’e gochuun fooyya’iinsa fiduu ishee, mootummaa Chaayinaa bakka bu’uudhaan ka ibsa godhan Prof. Hii Keebir dubbatanii jiru.

Haata’uyyuu malee yeroo yerootti yoo Teeknooloojii haaraan dhufu faalama mataa isaa fiduu waan danda’uuf haalli to’annoo Teeknoojii eger ballachuu akka qabu, Mootummaa United States tti barreessaa itti aanaa hoogganaa biiroo eegumsa naannoo ka ta’an Daani’eel Reeyifseenderi yoosuu himaniiru.

Gaazexaan Ingiliz The Independent akka jedhuttii, magaalonni India faalamaan sadarkaa jalqabaa irratti argamu. Keessumaa Magaala Deelhii keessatti waanti kuni hammaachuun lubbuun nama hedduu akka darbuuf sababa ta’eera. Dhiyeenya kanas bokkaan yeroo dheeraaf waan hin roobiniif jiraattonni biyyattii kuma 300 ol rakkoo bishaan dhugaatiif saaxilamanii jirani. Gaazexaa The Hindu jedhamuuf ka hojjetu gaazexeessaan Hindi Kiriishnaa Kumaar akka jedhuttii, gabaasi nu argaa jirruu fi dhugaan lafa jiru baayyee wal gata; kanaaf qaamoleen imaammata raawwachiisan hojii guddaatu irraa eegama jedha.

"Imaammatawwan kana yoo ilaallu gaariidha, garuu hagam hojiirra oolaa jiru waan jedhu yoo ilaallu, adda addummaa guddaa qabani. Kanaaf kuni diqqaachuu qaba. Rakkoon hoongee fi baballina gammoojjii kanaan kan wal qabataniidha. Fakkeenyaaf hindi amma hoongee waggaa 40 keessatti ta’ee hin beeknedha ka ishee mudate , kun waan uumamaan dhufe tahus , hawaasi eegumsa mataa isaa gochuu dhabuun balaan kuni akka ittuu itti caalu taasisee jira. Kanaaf warri imaammata raawwachiisan kana irratti hojjetuu qabun," jedha.

Gamtaa Mootummootaatti Gumii Eegumsa naannoo Ka hoogganan Ashiim Isteeyiner Afriikaani fi Eeshiyaan sababa eegumsi naannoof taasifamu waan hirrataaa dhufeef hoongee fi hanqina midhaan nyataatiif saaxilamaa jiru, haalli eegumsa naannooo fooyya’uu baannaan egeris rakkoon isaanii itti fufuu akka danda’u dubbatanii jiru. Mr. Isteeyiner caalaa waa’ee haala geejjiba Afriikaa irratti xiyyeeffatanii dubbatu.

"Haalli sochii geejjiba Afriikaa irra caalaan ka gamtaadhaan uummataaf tajaajilaan kennamuudha. Garuu akka diinagdeen Afriikaa fooyya’aa dhufeen, namoonni kaanis konkolaataa mataa isaaniitiin socho’uu jalqabanii jirani. Waanti kuni xiqqoo gara dhimma dubbii siyaasaatti dhaqa malee, biyyootan kuni waa’ee geejjiba uummataa irratti imaammata qabaachuu qabu. Fakkeenyaaf gaggeessitoonni Afriikaa naannawa magaalotaatti konkolaataa Elektirikaan socho’u qofaa akka fayyadaman waanti isaan dhorku hin jiru, Teeknooloojiin kuni gatiin isaa qaalii osoo hin taane gatii salphaan ka argachuu dandaa’aniidha. Kuni egaa walii galaan rakkoo diinagdee miti, dadhabina filannoo jijjiirrachuu fi imaammata qabatamaa dhabuuti."

Kaleessas wal gahiin kuni waa’ee adamoo seeraan alaa irratti ka maraiyate yoo tahu, gaggeessitoonni Afriikaa fi Eeshiyaa waliin ta’anii namoota yakka kana dalagaa jiran adabuu akka qaban dabarsee jira.

XS
SM
MD
LG