Xurree ittiin seenan

Gamtaan Medrek Gara Addaatti Jijjiirame


Kan kana dura paartilee ja’a of jalaa qabu ture gamtaan Medrek yeroo ammaa gara addaatti jijjiiramee jira. Paartileen sagantaa siyaasaa ofii isaanii qaban ja’a yeroo ammaa adda tokko jalatti gurmaa’anii jiru.

Dura taa’aan congresa uummata Oromoo fi qaama hooggana Medrek kan ta’an Dr. Mararaa Guddinaa Addi kun dhaabachuun gama adda addaan bu’aa qaba, kanneen adda kana keessaa sagantaa wal fakkaatu walitti dhufuu dhaan uummata keenyaaf bu’aa gaarii buusna jennee abdanna jedhan.

Warraaqsa Federaalistii uummata Oromoo fi Kongresi uummata Oromoos walitti dhufuu dhaan saba kanaaf bu’aa maal akka buusuu qabnu irratti mari’achuuf sochii jalqabnee jirra jedhan Dr. Mararaan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG