Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen ABO Lama Walii galtee araara buusuu Mallatteessanii jiran. Garee sadaffaan garuu irratti hin hirmaanne.


Gareeleen adda bilisummaa Oromoo sadan jechuunis kan Obbo Daud Ibsaan hoogganamu, kan Generaal Kamaal Galchuun hoogganamuu fi kan Obbo Dhugaasaa Bakakkoon hoogganamu baatilee xiqqoo dura Minisootaa magaalaa Minneapolisitti wal ga’uu dhaan marii geggeessuun isaanii ni yaadatama.

Fulbaana 27 bara 2010 immo,gareen ABO Obbo Daud Ibsaan hoogganamuu fi Kan Generaal Kamaal Galchuun hoogganamu Washington DC keessatti walii galtee araaraa buusuu mallatteessuu isaanii ibsa ba’e irraa hubachuun danda’ameera. Gareen sadaffaan kan Obbo Dhugaasaan Bakakkoon hoogganamu garuu waltajjii kana irratti hin hirmaanne.

Garee Obbo Daud Ibsaan hoogganamu irraa Dr. Beyaan Asoobaa fi Garee Generaal Kamaal Galchuun hoogganamu irraa immoo obbo Leencoo Batii akka ibsaniitti maanguddonni araaraa duraan ABO bu'ursuu fi hogganuu keessaatti gameessa ta'an,addaan qodamiinsa uumamee kana furanii araaraa fi tokkummaa fiduuf carraaqaa kan jiran ta'u ibsan.

Akka walii galtee tolfameettis,ji'a 5 keessatti wal arganii hoggana tokko eega hundessanii booda, waggaa tokko keessatti kora sabaa guddaatu waamama jedhau gareeleen lameen.

Gareen sadaffaan kan Obbo Dhugaasaan Bakakkoon hoogganamu garuu waltajjii kana irratti kan hin afeeramnee ta'u kan ibsan Obbo Daanii'eel Disaasaa, koreen maanguddoo jedhamee dhiyaatees, rakko ABO keessatti uumamee keessaa qooda waan qabuuf, walaba ta'e rakko jiru ilaalaa amantaa jedhu hin qabnu jedhu.

Caalaatti kan bu'a qabu maanguddoon giddu ituu hin seeniin ofii keenya yoo hikannee ta'a, garu tokkummaa fiduuf yaalii ta'u kam iyyu, hanga bu'a uummataaf ta'eetti dura hi dhaabannu jedhan

Guutummaa gabaasichaa MP3 cuqaasuun caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG