Xurree ittiin seenan

Gareen ABO Generaal Kamaal Galchuun Hoogganamu Sagantaa Siyaasaa Jijjiire

  • Namoo Daandii

Gareen ABO Generaal Kamaal Galchuun hoogganamu Amajji 1 bara 2012 irraa jalqabee sagantaa ABO jijjiiruu isaa ibsa baaseen beeksise. Gama biraan immoo garrtuun ABO Obbo Daawud ibsaan hoogganamu ibsa boorumtaa isaa gaafa Amajjii 2 bara 2012 baaseen “gumiin gareen sun jedhu ka seeraa miti. Sagantaa ABO jijjiiruufis mirga hin qabu” jedhee jira.

Garee ABO Generaal Kamaal Galchuun hoogganamuuf itti-gaafatamaa dantaa alaa ka tahan, Obbo Qaasim Abbaa-Nashaa ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaa irratti dhihaachuun ibsa kennaniin, “biyya uummatni Oromoo itti fufinsaan Badhaadhaa fi nagaa, bilisummaa mirga namaa qabaatu keessatti, biyya aadaa fi Afaan Oromoo sab-lammoota hundaan wal-qixa kabajamu keessatti – Afaan Oromoo Afaan Amaaraan qixxee afaan hojii biyyaa tahe keessatti fi biyya mirgi hiree-murteeffannaa uummata Oromoo fi uummata Itiyoophiyaa, akkasumas, mirgi nam tokkee kabajame keessatti, Itiyoophiyaa akka haaraatti wal-qixxummaa, haqaa fi sirna dimookiraatawaan ijaarame keessatti lammiin Oromoo lammii Itiyoophiyaa taha, jennee fudhanne akeeka keenya jijjiirre,” jedhan.

Garee ABO Obbo Daawud Ibsaan hooggamu keessatti miseensa Gumii Sabaa fi dubbi-himaa dhaabichaa ka tahan, Dr. Bayaan Asoobaa ammoo, “Gurmuun ibsa kana baasee, gurmuun ibsa kana baase sirnaawaa miti, gurmuu xiqqaa dha. Heera Addi Bilisummaa Oromoo itti bulu, ka bara 2004 tumanne keessatti ka sagantaa ABO fi heera dhaabichaa jijjiiruuf mirga qabu qaama tokkicha qofa, innis Kora Sabaa ti, jedha. Korri Sabaa geggeessame hin jiruu, kanaaf ibsi kun ka seeraa alaa ti. Mirga hiree-murteeffannaa uummata Oromoo ka murteessu uummata Oromoo qofa. Uummata Itiyoophiyaa tu uummata Oromootiif murteessa, jechuun ka gareen kun sagantaa jijjiire jedhu mirga uummata Oromoo uggura, gabaabsa, mulqa,” jedhu.

Wal-falmii hoogganoota gam-lameenii gidduutti geggeessame dhaggeeffadhaa.

XS
SM
MD
LG