Xurree ittiin seenan

Gareen IS Siivilota Irratti Daangaa Siiriyaa Irraatti Haleellaa Raawwate

  • VOA

Gareen IS Siivilota Irratti Daangaa Siiriyaa Irraatti Haleellaa Raawwate

Daangaa Iraaqii fi Siiriyaa irra kan jiru mooraa baqattootaa cinatti gareen IS haleellaa har’a raawwateen yoo xiqqaate siivilonni 21 du’uu isaanii gareen mirga namaa Siiryaa keessaa qoratu beeksisee jira.

Dubbi himaan garee kanaa Rami Abdel akka jedhanitti yoo xiqqaate of wareegdota shantu mooraa baqattoota Iraaqi fi lammiiwwan Siiriyaa qe’ee ofii irraa godaananiif tolfame keessaa fi alatti ofitti boombii ofitti dhoosan.

Madden Kurdii fi Siiriyaa akka jedhanitti kanneen miidhaan irra ga’e irra hedduun erga lola naannoo Siiriyaa fi Iraq kan IS to’atee jiru jalaa baqatanii booda mooraa yeroof dhaabate keessa jiraatani.

Lolli hamaan kan ka’e erga IS, humnootii demokraatawaa Siiriyaa SDF fi loltoota gamtaa Kurdootaa fi Arabootaa gidduutti haleellaan geggeessamee loltoota hanga tokko galaafatee booda.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG