Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripaablikaanonni Erga Insuraansii “Obamacare” Haquu Dhabanii Deebisanii Of Ijaaruuf Yaalaa Jiran


Ripaablikaanonni Erga Insuraansii “Obamacare” Haquu Dhabanii Deebisanii Of Ijaaruuf Yaalaa Jiran
Ripaablikaanonni Erga Insuraansii “Obamacare” Haquu Dhabanii Deebisanii Of Ijaaruuf Yaalaa Jiran

Seerri torban darbe utuu hin milkaa’in hafe White House, kongresii fi Senetii dhuunfatan iyyuu Ripaablikaanonni kanneen sagalee kennaniif waadaa seenan iyyuu qofaa muteessuu akka hin danda’in mul’isa.

Prezidaant doonaald Traamp ibsa isaanii Sanbata darbeen lammiiwwan Ameerikaa harka SAMII aka eegan gaafatan.

Cicha keenya gurmuu NASAf jiru kan qorannaa geggeessuu haaromsina jedhan.

Kana kan dubbatan seerri isaan akka darbuuf dhiibbaa gochaa turan erga inni Washington keessatti fashalee guyyaa tokko booda.

Irra dibuu hin danda’u. guyyaan kun nuuf guyyaa gaddaa ti jedhan af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa Paul Ryan.

Waggoota torbaaf insuraansii Obamacare jedhu caalaa karoora wayyaawaa qabna jechaa turanii booda Ripaablikaanonni seera eegumsa fayyaa kan ofii isaanii erga inni miseensota mana maree bakka bu’otaan darbuu dhabee booda itti dhiisan.

Karoora caasaa, kan jijjiirama dilaala fi kan dhimmootii gurguddaa fuula duratti tarkaanfachiisuu barbaadan cimaa ta’e qabu. Martinuu Kongresii biraa tarkaanfii hanga tokko barbaadu.

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa

Ripaablikaanonni Erga Insuraansii “Obamacare” Haquu Dhabanii Deebisanii Of Ijaaruuf Yaalaa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:56 0:00

XS
SM
MD
LG