Xurree ittiin seenan

Gatii Ba’e Jireenya Hammeesse Jedhu Daldaltoonni

  • IskindIIr Freew

Murtiin gatii meeshaalee irra kaa’ame daldala keenya irratti dhiibbaa qabaate jechuu dhaan daldaltoonni komee qaban dhiyeessaa jiran.

Sababiin isaa meeshaaleen dhiyeessiif oolan dhabamuu isaanii ti. Merkato ykn kanneen meeshaa alaa galchan biraa dhabamuu isaa ti.


Komeen kanneen meeshaa raabsanis haa ta’u bitanii bu’aa argatan biraa dhaga’amu haala kanaan itti fufnaan bu’aa argachuu hin dandeenyu ka jedhu.

Dhiyeessiin meeshaa iddoo dhaa iddootti adda adda. Kanneen naannoo Aqaaqii jiraatan akka jedhanitti rakkoon jiru dhiyeessii utuu hin taane murtiin gatii ba’e garaagarummaa hagas hin uumne jedhu. Meeshaan inni tokko gatiin isaa yoo gad bu’u kaan immoo ol ka’uu isaa dubbatu jiraattonni naannoo sanaa.

XS
SM
MD
LG