Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazzexeessaan Dochee Veelee Naannoo Affaar Keessatti Hidhamee Hiikamuu Isaa Dubbata


Yohaannis Gebre-igzaabiheer, gaazzexeessaa Raadiyoo Sagalee Jarmanii (Doochee Veelee)
Yohaannis Gebre-igzaabiheer, gaazzexeessaa Raadiyoo Sagalee Jarmanii (Doochee Veelee)

Gazzexeessaan Raadiyoo Sagalee Jarmanii, ka Doochee Veelee, hojiidhaaf gara bulchiinsa naannoo Affaritti otuu bobba’ee jiruu, sa’atiilee haga tokkoof to’annaa ppolisii jala turee hiikamuun isaa beekamee jira. Cunqursaa fi dararaan akka irratti raw’atame VOAtti ka dubbate gaazzexeessichi – Yohaannis Gebre-igzaabiheer, Itiyoophiyaa keessatti nageenyi gaazzexeessotaa yaaddessaa ta’uu dubbata. Ministarri dhimmoota Koominikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa, dhimma sana ka dhiheenyaan hordofaa jiran ta’uu dubbatan.

Koomishinara poolisii Affaar telefoonaan haasofsiisuuf carraaqqiin goone hin mikoofne – jedha gabaasaan keenya – Melleskaachew, Amahaa Finfinnee irraa.

Gaazzexeessaan Raadyoo Sagalee Jarmanii, ka Doochee Veelee – Yohaannis Gebre-igzaabiheer, kaleessa gara bulchiinsa naannoo Affaar deemuun isaa caama naannawa sana mudate gabaasuuf ta’uu gaazzexeessaa VOA-tti himee jira. Magaalaa guddittii bulchiinsa naannoo Affaar – Samaraa akkuma ga’ettis, gara waajjira itti-gafatamaa Ittisa balaa naannoo sanaa – gaaffii fi deebii geggeessuuf beellama fudhachuu isaa dubbata – gaazzexeessaa Yohaannis. Kana gidduutti, haala isa mudate ennaa ibsus “kana gidduutti, Dochee Veelee irraa wanna natti himame tu ture. Yunivarsitiin Samaraa achuma jira waan ta'eef, prezidaantiin Yunivarsitii sanaa hidhamuu oduu dhageenyee jirraa tii --- gama isa hidhamees, gama isa hidhees gaafadhuu oduu hojjedhu – ka jedhu, gulaalaa kiyya irraa natti himame. Yeroo sanatti, ani Yunivarsiticha irraa naman quunnamu waanan hin qabneef, yeroo dheeraa gara sanatti deddeebi’uu irraa hirityootan Affaar keessaa qabu keessaa tokkon gaafadhe. Telefoona itti-gaafatamaa quunnamtii uummataa Yunivarsitichaa waan hin qabneef, hiriyoonni isaa ka biroon “garaf manaatti deemee jiraa tii, mana isaatti argachuu dandeessa” jedhe. Kanaaf hiriyaan koo kun na fudhatee gara mana isaa deeme. Waa’ee hidhamuu prezidaantichaa gabaasuuf jedheen, waraqaa eenummaa koo itti agarsiise. Dhimmi kun wanna seeraan qabamee jiru waan ta’eef, har’a wabiidhaan hiikaman iyyuu akkamitti akka hiikaman waan beekame waan hin jirreef sitti himuu hin dana’u naan jedhan. Kana irraa ka’uudhaan, waa’ee Prezidaantii Yunivarsitichaa gaaffii fi deebii geggeessitee jirtaa fidi” jedhanii na qorataa turan, jedha – gaazzexeessichi Doochee Veelee.

Kanneen qorannaa kana irratti geggeessan namoota shan akka ta’an kan VOA-tti dubbate – gaazzexeessaan kun, Koomishinara Koomishinii Poolisii naannoo sanaa, itti-aanaa isaanii, ajajaa humna addaa, akkasumas itti-gaafatamoota qajeelchaa fi qorattoota kan of keessaa qaban miseensota komaand-poostii akka tahan tu natti himame – jedhee jira.

Sababaan hidhamuu prezidaantii Yunivarsitii Samaraas, baatiilee lama dura, kuusaan meeshaa Yunivarsitichaa ennaa gubatetti, prezidaantichi, akka qorannaan foorensikii irratti geggeessamu gaafachuu isaanii wajjiin kan walqabate ta’uu dubbate – gaazzexeessichi Yohaannis.

Kana ilaalchisuun, gabaasaan keenya – Melleskaachew Ammahaa – Dr. Nagariitti bilbilee gaafachuu isaa dubbata. Yeroo itti bilbilame sanatti akka waajira isaanii keessa hin jirre itti dubbatanii, “dhimma sana quba. Sababaa hidhamuu gaazzexeessichaas qorataa jirra” jechuu isaanii gabaase – Melleskaachewn. Koomishinara Koomishinii bulchiinsa naannoo Affaar – Obbo Aloo Afkaayinitti deddeebisee bilbilee argachuu dhabuu isaas gabaasee jira.

Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Gaazzexeessaan Dochee Veelee Naannoo Affaar Keessatti Hidhamee Hiikamuu Isaa Dubbata
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:19 0:00

XS
SM
MD
LG