Xurree ittiin seenan

Gazeexeessaan Eertiraa Mana Hidhaa Jiru Badhaasa Guyyaa Walabummaa Piresiitti Kadhimame

  • VOA

Protesters demand freedom for journalist Dawit Isaak who is being held in a prison in Eritrea.

Guyyaa Walabummaa Preesii Addunyaa ayyaaneffachuuf, yeroo uummatni Addunyaa kana irraa, magaalaa Indooneeziyaa – Jakaartaa keessatti gaafa Caamsaa 2 walga’uuf jiranitti, kanneen badhaasicha walabummaa preesiif filatan keessaa tokko – gaazzexeessaan dhalata Eritriyaa – Daawwit Isaaq, amma illee mana-hidhaa dhoksaa keessatti qabamee jiraachuun kan isaan gaddisiise ta’uu dubbatu – maatiin isaa.

Dhalataan Ertiraa irraa ka tahe – lammiiwwiin Swiidiin – Daawwiit Yisaaq, dur gaazzexaa dhuunfaa Ertiraa “SETIT” jedhamuuf kan hojjetu – gaazzexeessaa fi barreessaa ture.

Fulbaana, bara 2001, ennaa mootummaan Ertiraa gaazzexaalee biyyattii keessaa cufee fi gaazzexeessotas hidhe sanatti hidhame. Eega hidhamee waggaa kudha-ja’affaa isaa ti. Yoo xiqqaate gara waggaoota kudhaniif achi buuteen isaa iyyuu hin beekamiin ture.

“Badhaasa kana akka argatu kaadhimamuun isaa na gammachiisa. Garuu, gabaasicha ofii isaa dhihaatee fudhachuu hanqachuu isaatti nan gadda” – jetti- mucayyoon isaa dubree – Beeteliheem Daawit Yisaaq.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG