Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaan Naayijeeriyaa fi Kaameruun Gidduu Guutummaatti Banamuun Milkaa'uu Dula Bokoo Haraami Irratiitii Mallatoo dha jedhame


Daangaan Naayijeeriyaa fi Kaameruun Gidduu Guutummaatti Banamee
Daangaan Naayijeeriyaa fi Kaameruun Gidduu Guutummaatti Banamee

Daangaan Naayijeeriyaa fi Kaameruun gidduu, eega waggoota sadii as, yeroo duraatiif, guutummaatti banamee jira. Kun immoo, duulli Bokoo Haraam irratti geggeessamu milkaa’uu isaatiif mallattoo tokko – jedhama.

Naayijeeriyaa fi Kaamerooniin bakka-ba’uudhaan, aangawoonni waa’ee Bokoo Haraam irratti mari’acchuuf walga’an akka jedhanitti, weerara gamtaa-humnoota biyyoota lameeniitiin daangaa qaxxaamuree Boko Haraam irratti geggeessamuun, haleellaan shororokeessummaa naannoo sanatti baay’ee gad-xiqqaatee jira.

Deemsi daangaa biyyoota lameen gidduu banuu, ka baatii dabre jalqabame milkaa’een, daangichi guutummaatti banamee jira – jedhan – jiloonni gam-lameenii

XS
SM
MD
LG