Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haati Somaaliyaa tokko “daa’ima garaa koo jiru waliin du’uuf qophaa’een ture” jette


Haati Somaaliyaa tokko “daa’ima garaa koo jiru waliin du’uuf qophaa’een ture” jette
Haati Somaaliyaa tokko “daa’ima garaa koo jiru waliin du’uuf qophaa’een ture” jette

Baatii hagaya keessa dubartiin lammii Somaaliyaa tokko yabala koolu galtootaa irraa erga baraaramtee booda doonii Jarmanii irratti ilmoo deesse akka jettetti garba Mediteraaniyaan qaxxaamuruuf yabala sana ennaan yaabetti mucaa garaa koo keessaa waliin du’uuf qophaa’een ture jetti.

Rahaaamaa Abukar alii jedhamti. Ga’eettii umuriin waggaa 33 ennaa taatu odu gabaasaa VOAf Jarmanii keessaaf akka ibsitetti waa’ee haala suukaneessaaf rakkoo wal xaxaa yeroo ulfa taatee fi doonii Jarmanii irratte innaa miixuu keessa turte ishee mudate dubbatte.

Imalli sun akkaan sodaacisaa ture jechuu dhaan intala ishee Soofiyaa Liibiyaa keessatti da’uu hin feene.

Na joonjessa ture. Baatilee shaniif waan imala irra tureef jecha dadhabeen ture. Libiyaa keessatti illmoo da’uu hin dandeenye. Kanaaf mucaa garaa koo keessaa waliin du’uuf qopheen ture jette.

Haalli Liibiyaa keessaa isa kan imala galaana irraa caalaa hamaa dha jechuu dhaan haala suukaneessaa tokko akkasiin yaadatti.

Dubartiin ulfaa tokko akkuma andaara galaana Libiyaatti yabala koraa turteen erga mucaa deessee booda duute. Daa’immi isees battala lubbuun darbe. Dubartii ulfi ka biroon illee ishuma waliin imala wal fakkaatu geggeessuu dhaan Awrooppaa seenuu dandeesse jette.

Rahamaan koolu galtoota435 waliin galaana Mediteraaniyaan keessaa baraaramtee booda doonii Jarmanii irratti miixuun ishee qabe. Mucaa ishee durbaas Soofiyaa jechuun moggaafte.

Gamtaan Awrooppaa gurmuu Mediterraaniyaan sana Soofiyaa jechuun moggaase. Grumuun sun yabaloowwan namoota seeraan ala deddeebisan jedhamuun shakkaman qabuu irratti bobba’ee jira.

Rahaamaa Alii akka jettutti gurmuun sun maqaa mucaa isheetti moggaafamuu isheetti gammaddee jirti.

Mucaan koo carra qabeetti dha. Gamtaan Awrooppaas iyyata kook an dahata siyaasaa simatee Soofiyaa dhaaf lammummaa kenna jedheen abdadha.

Rahamaan imala baatilee shanii Somaaliyaa dhaa gara Xaaliyaaniitti geessu jalqabde. Ijoolleen ishee torbaa fi abbaan ijoollee ishee Somaaliyaa keessatti hafan.

Walitti bu’iinsi yeroo dheeraaf turee fi haalli jireenyaa rakkisaa ta’e ijoollee koof abbaa warraa koo dhiisee jireenya wayyuuf akkan baqadhu na dirqisiise jette.

Rahamaa alii namoonni keeddumaa dubartoonni ulfaa imala sodaachisaatti akka hin deemne akeekkachiisti.

Koolu galtummaan seeraan alaa hamaa dha. Lammiiwwan Somaaliyaa hedduu fi koolu galtoonni kanneen biroon dararaa namotai seeraan ala deddeebisan kan Liibiyaa keessaaf saaxilamu. Jireenyaa fi du’a gidduutti nama dhiisa. Keessumaa dubartii ulfaaf. Imala sana irratti du’uu danda’u jette.

Gamtaan Awrooppaa lakkoobsi koolu galtootaa akkaan heddummaataa adeemuu isaan rakkataa jira. Koolu galtoota Afriikaa bakkaa bakkatti akka hin sossoonee fi jireenya isaanii balaa irra akka hin buusne dhaabsisuuf mallattoon tokko illee hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG