Xurree ittiin seenan

Garba Mediteraaniyaan Qaxxaamuruun Keessumaa Barana Lubbuu Heedduu Galaafate: UNHCR

  • VOA

Godaantonni Hedduun Garba Mediternaniyaan Qaxxaamuruuf utuu yaalanii dhuman

Godaantonni Hedduun Garba Mediternaniyaan Qaxxaamuruuf utuu yaalanii dhuman

Godaantonni karaa Liibiyaa fi xaaliyaanii ba’uu dhaan garaba Mediteraaniyaan qaxxaamuran akkam malee dhumachaa deemuun addunyaa yaaddessuu isaa jamrayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa UNHCR beeksisee jira.

Qilleensi ho’aa adeemee bubbeen galaana irraa gab jedhee yeroo jiru kanatti godaantonni 800 caalan torban darbe galaana Mediteraaniyaan ce’uu utuu yaalanii galaanichaan nyaatamaniiru.

Waardiyaan andaara galaana Xaaliyaanii lubbuu godaantota hedduu dilbata darbe baraarsuu danda’ee jira. Reeffa namoota 45nis baasuu isaa ibse. Kanneen lubbuun hafuuf carrooman kanaaf wal’aansa fayyaa nyaataa fi uffata raabsaa jiran. Waan of harkaa qaban mara galaanatu fudhate waan ta’eef.

Xaaliyaaniin lubbuu godaantotaa baraarsuuf yaalii guddaa goote jechuu dhaan Tokkummaan Mootummootaa galateeffatee jira. Torban darbe qofaa namoota kuma 14 baraasaniiru.

Torban darbe balaa bidiruu adda addaa sadii irratti dhaqqabeen namni 880 kan caalan dhumuu tokkummaan mootummootaa beeksisee jira.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG