Xurree ittiin seenan

Godina Gujii fi Caama Mudate

  • Jaallannee Gammadaa

Biiyyootiin gaanfa Afriikaa balaa caamaan miidhamuun isaanii ibsamaa jiru keessaa Itiyoophiyaan tokko.

Itiyoopiyaa keessaa immoo gama kibbaa fi kibbi bahaa caamaaf saaxilaman keessaa Godinni Gujii tokko.Jiraattonni Godina Gujii akka jedhanitti loon dhumaa jiru, namoonni balaa kanaan lubbuun isaanii darbe akka jiran akkasumas gargaarsi kennamus ga'aa akka hin ta'in dubbatu.

Bulchaan Godina Gujii Gadaa Roobee garuu loon miidhamuu ibsanii, lubbuun namaa darbe hin jiru, rakkoon uumames humnaan ol miti, gargaarsa ga'aatu kennamaa jira jedhu.

MP 3 tuquun guutuummaa gabaasa kanaa dhaggeffadhaa.

XS
SM
MD
LG