Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Harargee Bahaa fi Caama Mudate


Biyootiin gaanfa Afrikaa keessaa caamaa maudaten kan ka’e, Itiyoophiyaa keessattis rakkoon kun akka jiru gabaasamaa jira. Jiraattonni godina Harargee Bahaa akka jedhantti, roobni akka dur baratameetti roobuu erga didee waggaa sadii guteera.

Gargaarsa darbee darbee mootummaan kennuu fi loon isaanii gurguraa jiraataa kan turan ta’uus, amma garuu gargaarsi argannu hin jiru, hojii humnaa (kuulii) taanee maatii keenya lubbuu dheeresuuf dirqamaa jirra jedhu.

Gama kaaniin jaarmayaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummotaa OCHA.n Onkolooleessa 3 bara 2011 gabaasaa baaseen Godinni Harargee Bahaa fi Godinni Harargee dhiyaa hanqiina nyaataa hamaaf saaxilamnee jira.

Godina Haraargee gama dhiyaa keessatti namni 2481 Haraagee bahaa keessatti immoo namni 4019 hanqina nyaataan qabamuun isaa baatii Fuulbana bara 2011 keessa galmessameera jedha OCHAn.

kana malees, Dhukkubi garaa baasaa fi haqqisaa arifachiisaan godina Haraagee dhiyaa aanaa mi’essoo fi ciroo akkasumas Godina Haraargee bahaa aanaa Qarsaa irraa gabaafamuu itti fufee jira jedha.

Bulchaan godina Harargee Bahaa Obbo Nuree Qamar garuu, mootummaan gargaarsi kennamaa waan jiruuf wanni humnaan ol ta’e hin jiru jedhan.Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG