Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaalee Oromiyaa Mara Keessatti Hagaya Ja’a Hiriirri Nagaa Geggeessamuuf Karoorfame


100 Ethiopian Oromo Rebels Surrender
100 Ethiopian Oromo Rebels Surrender

Hiriirri nagaa guddaan kan godinaalee Oromiyaa keessatti akka geggeessamuuf waamichi godhamaa jiru sanbata fuula keenya duraa jechuun Hagaya 6 bara 2016 geggeessamuuf qophii irra jiraachuu qindeessitoonni fi hoogganoonni paartilee mormituu nuuf ibsanii jiran. Qindeessitoonni hiriirichaa akka jedhanitti eeyama arganna jennee yaaduu baannus xalayaa ittiin gaafanne waajjiraalee mootummaatti ni maxxansina, caasaalee hawaasaa irratti facaafame waan ta’eefis quba qabu jedhan.

Tarkaanfii humnaa hiriira irratti kana dura fudhatamaa ture irraan kan ka’e inni kun nagaan akka geggeessamuuf qopheen gootan yoo jiraate ka jedhuufis, dararaan nutti hammaate waan ta’eef yoo duunes wareegama baafnee sagalee keenya dhageessisna malee hin hafu jedhaniiru.

Dura taa’aan Kongeresii Federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddinaas kun sochii uummataa ti malee waan paartiin tokko waame miti jechuu dhaan mootummaan uummati guddaan kun sagalee isaa akka dhageessisuuf duraa maqee eegumsa gochuufii tarkaanfii humnaa fudhachuu irraas akka of qusatu waamicha dabarsina jedhanii uummatichis hanga danda’ametti nagaan ba’ee hiriira geggeessee sagalee isaa karaa nagaan akka dhageessisu gaanfanna jedhan.

Godinaalee Oromiyaa Mara Keessatti Hagaya Ja’a Hiriirri Nagaa Geggeessamuuf Karoorfame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:24 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG