Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mgaalaa Gondar  keessatti Lubbuun Namaa Darbuu Jiraattonni Dubbatanii Jiru


Kaartaa Itoophiyaa
Kaartaa Itoophiyaa

Miseensoota Koree sochii gaaffii eenyummaa uummata Walqaayit keessaa Afuur to’annaa jala oolu isaanii dubbi himaan koree kanaa Obbo Addaraajaw Waanyaw ibsanii jiru. Gareen eenyummaan isaanii hin beekamne kan fuula isaanii aguuganii fi Yuniformii Fedeeraalaa uuffatan har’a barii lafaa irratti manneen namootaatti bobba’uun akkasumas lafuuma itti argataniitti jarreen arfan qabachuu isaanii ibsanii Koloneel Dammaqaa Zewdee manni isaanii marfamee boombiin sadii fi Mortaara darbatameen manni isaanii jalaa diigamu ibsamee jira. Ijoollee isaanii fi haadha warraa waliin manicha keessa akka jiran ibsamee jira.

Waraanni dabalataa Gondar kaabaa fi iddoo biraatii fidamaa akka jiruu fi dargaggoota magaalaa Gondar keessaa 3 ajjefamuu fi 4 kan rasaasaan mad’aan ta’uu dubbi himaan koree kanaa ibsanii jiru. Jiraattonni sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan akka jedhantti nama afuurtu ajjefame. Maddeen aangawoota bulchiinsa naannoo Tigraay qunnaman akka jedhantti koree miseensoota 5 qabu kana keessaa 4 to’annaa jala oolanii jiru. Koloneel Dammaqeen akkuma hidhateetti humnootii nageenyaan marfamee mana isaa keessa jira jedhu. Darbee darbees dhukaasii akka dhaga’amuu fi humnootii nagaa eegsiisan keessaa tokko akkasumas siviloota keessaa tokko ajjefamu ibsan. Hojii kana gaggeessaa kan jiruus polisii Federaalaa ta’uu dubbatan.

Ministeera waajiira dhimmootii komunikeshinii mootummaa Federaala Itiyoophiyaa Obbo Getaachoo Raddaa magaalaa Gondar keessatti walitti bu’insii akka ture kunis namoota gocha farra nagaa irratti bobba’an hanga tokko to’annaa seeraa jala oolchuuf sochii godhame ta’uu ibsan. Jarreen kun to’annaa seeraa jala hin gallu jechuun qondaaltoota polisii irratti ajjechaa gaggeessan jedhan. Haallii uumamees kana waliin wal qabata jedhan.

Mgaalaa Gondar  keessatti Lubbuun Namaa Darbuu Jiraattonni Dubbatanii Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:49 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG