Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guddinni dinagdee Itiyoopiya akkuma tilmaamame ta’e: Muummicha Ministeera Itiyoopiyaa


Haayilamaariyaam Dassaaleny, muummicha ministeera Itiyoopiyaa
Haayilamaariyaam Dassaaleny, muummicha ministeera Itiyoopiyaa

Guddina dinagdee kan Itiyoopiyaa gama lakkoobsaan kan waaltaalee addunyaa wakuub ennaa ilaalamu addaan yeroo isaan baasu argama. Waggoota kudhanii oliif yeroo hanga tokkoof guddinni ol aanaan galmeessamuu isaa kan simatan waaltaaleen sadarkaa addunyaa gama tilmaamaan garuu lakkoobsa ofii isaanii himaa jiraachuun waanuma baratameef kan eegamuu dha.

Barana garuu keessumaa yeroo hongeen mudatee jirtutti walitti lakkoobsi nuti lafa keenye walitti dhiyaate jedhu muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Haayilamaariyaam Dassaaleny.

Wal ga’ii manni maree bakka bu’ootaa bajata federalaa kan waggaa itti aanuu raggaasise irratti kan argaman muummichi minsiteerichaa guddinni dinagdee itti fufuu isaa dubbatan. Gareen IMF irraa dhufe haala raawwatiinsa dinagdee walii galaa Itiyoopiyaa kan bara 2008 gamaaggamuu isaa illee dubbataniiru.

Hongeen uumames dhiibbaa inni dinagdee irratti fiduu isaa qorachuu isaa illee ibsaniiru. gareen IMF kunis ba’ii gamaaggama isaa kan isaan beeksise ta’uu illee dubbatanii jiran. Kana irraa ka’uu dhaanis tilmaamni inni keenyaa fi kan isaanii walitti dhiyoo ta’uu hubanneerra jedhan.

Manni maree akka beekutti tilmaamni keenyaa fi kan IMF yeroo hedduu kan wal hin simne ta’us waggaa barnaa garuu haala nama ajaa’ibuun tilmaani keenyaa fi kan IMF haala inni walitti dhiyoo ta’e arguuf yaalii goonee jirra. Kunis kan ta’eef sababaan rakkoo hongee isa hamaa jedhameetu nu mudate.

Hongeen EL NINOn wal qabate kunm misooma qonnaa keenyaa irratti dhiibbaa inni fiduu danda’u illee gamaaggamameera. Hunda irra caalaa garuu raawwatiinsi dinagdee keenyaa kan baranaa dameen industirii fi dameen tajaajilaa guddina dhibba irraa harka 7 galmeessuu isaanii IMF gabaasa isaa irra kaa’ee jira. Guddinni qabxii torbaa kun biyyoota hedduu keessatti damee qonnaa utuu hin dabalatin guddina saffisaa jedhamee kan fudhatamau jedhan.

Damee industirii fi tajaajilaan qabxii torba galmeessuu danda’uun keenya daandii sirrii irra jiraachuu keenya mul’isa jedhan obbo Haayilamaariyaam. Muummichi ministeerichaa akka jedhanitti hongeen sun dhiibbaa guddaa kan inni dhaqqabsiise damee qonnaa keenyaa irratti. Akkuma Kanaan oomishi waggaa darbe oomishame waggaa isa duraa irra hanga tokko gad bu’uu isaa martinuu keenya walii gallee jirra jedhan.

Oomishi yeroo arfaasaa garuu guddina dhibba irraa harka torbaa argarsiisuu isaa tuqanii jiru. Walumaa gala dameen qonnaa dhibba irraa harka sadii guddachuu isaa ibsaniiru. ba’ii damee maraa kan ta’e dinagdeen biyyaas guddina ol aanaa galmeessisuu isaa obbo Haayilamaariyaam dubbatanii jiran.

Walumaa gala dinagdeen keenya dhibba irraa harka 8.5 oliin guddachuu akka danda’u hubachuun danda’ameera. Rakkooleen kun jiraatan iyyuu carraa biyyi keenya qabdu bal’inaan waan fayyadamneef jecha dhibba irraa harka shanii ol guddatee kan hin beekne dameen industrii fi tajaajilaa, barana dhibba irraa harka torbaan ol guddateera. Inni kun immoo ba’ii ol aanaa jedhamee fudhatamuu danda’a jedhan.

Guddinni dinagdee Itiyoopiya akkuma tilmaamame ta’e: Muummicha Ministeera Itiyoopiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:28 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG