Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Gaayoo Afaan hamoo Lagadhaa,Ijoollee Barsiifadhaa,Hiyyeessaa Gargaaraa Jettee Waan Hedduu Dhaamatte


Kora Gumii Gaayoo Keessaa Haga Tokko
Kora Gumii Gaayoo Keessaa Haga Tokko
Korii Gumii Gaayoo 40essoon aanaa Gaayo,Dhaddacha Gumiitti taahe baranallee waan hedduu dubbate;akka namii ceeraa fokkoo walii qabaatu,akka farsoo fi caatiin ollaa Booranaatti hin galle akka abbaan warraa machiin ollaatti hin galle,akka haadha hiyyeessaa gargaaran,akka namii ijoollee dubraa ganna 18tii gadi fuudhe ykn fuusise adabamuu,ka ijoollee dubraa bira rafelleen adabamu,akka abbootiin gadaalleen barnoota jabanaallee dabalatanii fi waan hedduu irratti dubbate.
Guyyoo Gobbaa abaa Gadaa Booranaa 70essoo, “ijoollee barsiifachuu fi machii lagachuun akka jireennii keenna nuu jabaatu nu tolchaa,waan kana lagachuu dhabuun guddoo jireenna namaa balleessa,”jedha.

Jaarolee Koraa
Jaarolee Koraa
Gumiin Booranaa tana malee akka namaa horii fi bineensii baddaalleen mirga gadaan kenniteefiin jiraatu dubbatte.Rooba Jaaroo abbaa gadaa awaxxuuti;Bineensii baddaa gaafa horiin hin jirre soora namaa tahaa tana malee faaya biyyaatii eegamuu male jedha.
Tana malee Gumiin Gaayoo akka haawwan hiyyeessaalleen mirga gadaan kenniteef qabaatan dhaamte.Akka seera Gadaatti, namii seera malee haadha hiyyeessaa giddeessee bira rafe gatii loon hedduu itti muranillee ya dubbatan.Akka jecha abbaa Gadaa Guyyoo Gobbaatti ummatii haawwan malee guutamee jiraatu hin jiru.
Ijoolleen dubraa diqqeennaan fuudhan ufiifuu daahima, daahima guddifachuu hin dandeettu,maatiilleen hin jabeeffattu jedhe korii Gumii Gaayoo.

Abbootii Gadaa
Abbootii Gadaa
Gumiin Gaayoo tana malee akka gosa waliin qubatan cufa waliin marraa fi bisaan waliin qaban nagaan waliin qabaachaa nagaan jiraatan dhaamatte.Akka abbaa gadaa Guyyoo Gobbaatti,nagaa kana dhiisanii wal tuttuquun namuufuu faaydaa hin qabdu.
Gumiin Gaayoo kora gadaa Booranaa ganna saddeetitti marroo tokko taahanii bultii Booranaa,seeraa innii buluunii fi akka innii itti buluutti jiru irratti mari’atan.

Mallattoo sagalee armaan gadii tuquun dhaggeeffadhaa

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:10 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG