Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumii aadaa fi Afaan Oromoo Yuniversitii Finfinnee


Barnoota Ramaddiin cina, aadaa, Afaanii fi Aartii keenya jajjabeessuuf dirqma dhalootaatu nu irra jira jedha prezidaantiin gumii aadaa fi Afaan Oromoo Yuniversitii Finfinnee barataa Gololcha Baallii.


Universitii Finfinnee keessatti, Gumiin Aadaa fi Afaan Oromoo ykn (GAO)n eega hundeffame waggaa 5 ta’eera. Akeeki hundeffama gumii kanaa, guddina aadaa fi Afaan akkasumas Artii oromoo baratoota oromoo giddutti jajjabessuuf, kana malees, baratonni kana keessatti qooda gama isaanii akka ba'an gochuf akka ta'e, prezidaantiin gumii kanaa barataa Gololcha Baallii ibsee jira.

Torbanitti guyyaa tokko baratonni walaloolee, Asoosamaa fi wallelee aadaa dhiyessuun kan wal argan yoo ta'u, darbee darbees beektootaa fi keessummoota afeeruun, muxannoo aadaa qaban akka baratotaaf ibsan taasisama, jedha Barataa Goloolchaan. Gumiin Aadaa fi Afaan Oromoo, Wallistoota Oromoo bebbeekamoo Finfinnee keessaa afeeruun ka qophii sanatti hirmaachisu tahuu illee ibsee jira.

Waggaa barnootaa jalqabaa fi xumura irratti qophii agarsiisa aadaa kan addaa akka qabaatan,dhuma waggaa irratti immo barattoota Oromoo eebbifafamaniif qophii eebbaa addatti gumiin kun qophheessu ta'uu, kitaaba suuraa eebbifamtootaa qabatee ba'u ka maxxansisuu ta'uu dubbata, prezidaantiin gumii kanaa, Barataa Gololchaa Baallii.

Hojii kana gaggeessuuf kan oolu, barattoonni oromoo mooraa yunivarsitii Finfinnee keessa jiran marti ji'a ji'aan mata mataatti qarshii lama lama ka buusan ta'uu kan ibsee barataa Gololcha, " Kun barreefamoota ammaan dura qopha'an sana akka kitaabaatti maxxansisuu kan hin dandeessisne ta'uu fi gara fuula duraatti marsaa internetti fi 'Face book' irratti hojii gumii kanaa baasuuf carraaqaa jirra, gargaarsa Oromoota maraa illee feena." jedha. 

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG