Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Utuu Hin Uumamin Ittisuun Barbaachisaa Dha: Muummicha Barreessaa Tokkummaa Mootummootaa


Muummicha barreessaan tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guteres Gumii Gamtaa Afriikaaf haasaha yeroo godhan, Finfinnee, Amajjii 30,2017
Muummicha barreessaan tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guteres Gumii Gamtaa Afriikaaf haasaha yeroo godhan, Finfinnee, Amajjii 30,2017

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guteres Jarmiyicha sadarkaa addunyaa hoogganuu erga jalqabanii as gumii gamtaa Afriikaaf haasaa ennaa dhageessisan kun isa jalqabaa ti. Haasaan isaaniis hariiroo Afriikaa waliin jiruuf wal ta’iinsa ardittii waliin jiru irratti kan fuuleffate.

Afriikaa waliin wal ta’insaan hojjechuu kan barbaadan keessaa tokko rakkoolee fi walitti bu’iinsa ittisuu irratti hojjechuu ta’uu ibsaniiru. Walitti bu’iinsii fi rakkoon durumaan akka hin uumamne ittisuun barbaachisaa dha yaadachiisaniiru.

Addunyaan keenya rakkoon erga uumamee booda furuuf yaaluu irra durumaan akka hin uumamne gara ittisuutti ce’uu qabdi. Addunyaan yeroo hedduu deebii kan kenne boodatti hafee ti. Kana attamiin furuu akka dandeenyu isin waliin ta’ee hojjechuun barbaada.

Naannoo addunyaa kan jiran rakkoolee irra hedduun biyya keessatti uumamu. Kan uumamanis aangoo, qabeenyaa wal saamuu, qixxummaan jiraachuu dhabuu, addaan wal qooduu irratti. Walitti bu’iinsi yeroo hedduu leellistootaan jalqabamu sana boodas hammaatu jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Rakkoon Utuu Hin Uumamin Ittisuun Barbaachisaa Dha: Muummicha Barreessaa Tokkummaa Mootummootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:12 0:00
Hirmaattota Gumii Gamtaa Afrikaa, Finfinnee, Amajjii, 30, 2017
Hirmaattota Gumii Gamtaa Afrikaa, Finfinnee, Amajjii, 30, 2017

XS
SM
MD
LG