Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Goototaa Ameerikaa Keessatti Har'a Kabajamee Oole


Prezidaant Baaraak Obaamaan awwaalcha goototaa irra daraaraa ennaa kaa'an
Prezidaant Baaraak Obaamaan awwaalcha goototaa irra daraaraa ennaa kaa'an

As United States keessatti kibxati dhumaa kan baatii caamsaa guyyaan goototaa ykn “Memorial day” jedhamuun kabajamee oola. Guyyaan kun guyyaa lammiiwwan Ameerikaa dubartootaa fi dhiirota waraana biyyattii keessaa tajaajilan kabajaan itti yaadatan.

Guyyaan goototaa jalqaba kan ayyaaneffatame bara 1868 keessa ture . Ayyaanni kun bara sana bakka awwaalchaa as naannoo Washington jiru Arlingon Cemetery jedhamutti kabajama ture. Waggaa waggaatti uummata miliyoona afur ta’utu bakka awwaalchaa kana daawwatu.

Bakka Awwaalcha Arlingon Cemetery
Bakka Awwaalcha Arlingon Cemetery

Bakki kun United States keessaa bakka awwaalchaa beekamaa dha. Lafa hektaara 250 kan qabu ennaa ta’u waggoota dhibba hedduu dhura mukkeetii dhaabamantu keessatti argama. Muka kuma 800 kan gosa adda addaatu bakka awwaalcha kanaa keessatti argama.

Awwaalchi kun dhakaa adaadii dhaan adda baafamee jira. Kanneen 400 ta’an barreeffama bifa wareeqee of irraa qabu. Kunis kanneen badhaasa meedaalii waree jechuun badhaasa waraana biyyattii isa ol aanaa kanneen argatan.

Kanneen bakka awwaalcha kanaatti awwalaman keessaa hoogganoota siyaasaa, angawoota kaabinee, abboota murtii mana murtii muummicha, hojjettoota dhaabbata hawaa ykn Astronauts, atleetota dabalatee, hoogganoota amantii, Nursoota, garboota durii fi odu gabaastota dirree waraanaatu keessatti argama.

Baki Arlington kun duraan bakka ilma akkawoo George Washington ture. Bakki awwaalchaa kun awwaala loltoota kanneen waraana seenaa Ameerikaa keessatti wareegamantu keessatti argama. Kaan isaanii bara waraana warraaqsaa kan bara 1700mota keessa lolaa turanii awwaalchi isaanii asitti darbee ti.

Miseensa waraanaaf jalqaba bakka awwaalcha Arlington Cemeterytti awwaalaman William Christman kan wal waraansa keessatti du’an. Caamsaa 15 bara 1864 loltoonni eenyummaan isaanii hin beekamne asumatti awwaalamaniiru. Namoota eeyummaan isaanii hin beekamne kanneen kuma shan ta’an ka biroon illee bakka kanatti awwaalamanii jiran.

Bitootessa 4 bara 1921 Congresiin Ameerikaa loltoota Ameerikaa kanneen lola addunyaa tokkoffaa irratti wareegamaniif eenyummaan isaanii hin beekamne akka adda baafamu raggaasise. Kanaaf siidaan awwaalcha loltoota eeyummaan isaanii hin beekaminii illee achitti argama.

Garboonni duraanii kuma afur ta’an illee bakka awwaalcha Arlinton Cemetery jedhamu kanatti argama. Kanneen keessaa tokko James Parks jedhamu. Awwaala jalqaba bakka awwaala kanaa kan qotan isaan turan. Bakkuma kanatti dhalatanii achumatti garboota awwaalaman keessaa isaan qofa.

Prezidaantota Ameerikaa lamatu bakka Arlington National Cemetery jedhamu kanatti awwaalaman. Jalqaba bara 1900moota keessa William Howard Taft, 1960mootaa keessa immoo Johan F. Kennedytu prezidantii turan.

Lammiiwwan biyya alaa 65 bakka awwaalchaa kanatti awwaalamaniiru. Kanneen keessaa irra hedduun lammiiwwan Britain yoo ta’an 26tu awwaalaman, eenyummaan isaanii kan hin beekamne dabalatee 10 immoo lammiiwwan Veetnaam.

Miseena waraana Ameerikaa mara miti kan Arlington Cemetertti awwaalamu kanneen achistti awwaalaman yeroo ammaa waraana irratti kan dura’aniif gadamoojjiwwan waraanaa ti. Kanneen badhaasa meedaalii kabaja ol aanaa argatan, kanneen lola irratti madaa’anii du’anii fi hidhamtoota waraanaa kanneen turan. Angawoonni mootummaa federaalaa, fi maatiin isaanii kan Arlingtonitti awwaalamnis bakka kanatti awwaalamuu danda’u. Awwaalcha akkasiif gatiin baafamu hin jiru.

Angawoonni bakka awwaalcha kanaa yeroo dhiyootti bakka dhabuuf deemna yaaddoo jedhu qabaachuu dhaan bakka namoonni yeroo du’an reeffi isaanii gubamee daaraan isaanii ol kaa’amu filatn itti awwaalaman itti dabalanii jiran.

Bakki awwaalchaa kun hektaara 11n guddatee jira. Gara fuula duraatti illee bakka awwaalchaa kuma 30 ta’u itti dabalamee jria.

Erga bara 948 qabee guyyaa kamisaa jechuun guyyoo gototaa dura loltoonni Ameerikaa murni sadaffaan alaabaa xixiqqoo bakka awwaalcha kanaa dhaabu. Waggaa kana loltoota kuma tokkoo ol ta’antu alaabaa kuma 220 bakka awwaalcha kanaa irra dhaaban.

Loltoonni kun awwaala loltoota ofii isaanii beekanii irra alaabaa dhaabaniiru. Awwaala kana toora ja’affaa bakka Ameerikaa keessaa nama gaddisiisu jechuun waaman. Sababiin isaas loltoonni toora kana irratti awwaalaman lola Ameerikaa boodanaa kan Iraq fi Afganistan keessaa irratti wareegamantu achitti awwaalaman.

President Barack Obaman guyyaa goototaa kanatti sirna hedduu geggeessuuf karoorsaniiru. Kana keessaa dhiirotaa fi dubartoota waraana US keessa utuu tajaajilanii du’an kabajaan jadatanii jira.

Garee tajaajila gadamoojjiwwan waraanaa fi miseensota waraanaa akkasumas hoogganoota gameeyyii kan waraanaa waliin har’a ganama White House keessatti ciree waliin qooddatanii jiran.

Booda irras presidentichi bakka awwaalchaa Arlington National Cemeterytti argamuu dhaan awwaalcha loltoota eenymmaan isaanii hin beekamin irra daraaraa kaa’uuf jiru.

Xumura torbanii guyyoonni walitti aanan sadan har’a dabalatee jechuu dhaan yeroo itti yeroon bonaa jalqabamuu fi namoonni boqonnaa itti ba’an. Lammiiwwan Ameerikaa hedduun hojii irraa boqonnaa fudhachuu akkasumas manni barnootaa cufamii maatiiwwan hedduun waliin ta’uu dhaan magaalaa dhaa ala ba’anii naannoo galaana fi paarkiwwan adda addaa keessatti yeroo waliin qabaatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG