Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaanni Waggaa Haadhotiin Itti Kabajaman Gahe


Guyyaan Haadhotaa sambat-duraa dhufu, Caamsaa 14, 2017 kabajamee oolaa
Guyyaan Haadhotaa sambat-duraa dhufu, Caamsaa 14, 2017 kabajamee oolaa

Aayyoo, Harmee, Immaa, Haadha, Dahee, Deessee yokaan Ummaa jennee kamiinuu waamnu, namni hundi waa’ee haadha ofii waan gaarii himee hin fixatu, ifaajjii ishii, haasawa ishee dubbatee hin quufu.

As Yunaaytid Isteets keessatti Guyyaan Haadhotaa fi Guyyaan Abbootaa ayyaanota waggaa waggaatti akka biyyolessaatti kabajaman keessatti argaman. Sanbata guddaa yokaan Dilbata boruu kana deessuun ijoollee ofii irraa ergaa gaggaarii fi kennaa guyyaa ayyaanaa haadhotaa argattti. Akka giiftiitti kunuunfamaa oolti, jechuu dha.

Ayyana kana laalchisee sagantaa har’aaf qopheesine keessatti, seenaa guyyaa haadhotaa xiqqoo ibsinee, gara waa’ee kabajaa haadhota Oromootti dabarra. Oromoon waan akka walaloo fi sirbaatiin akka itti haadha faarsuu fi walumaa-galatti, hawaasa Oromoo keessatti akka itti haati yokaan deessuun kabajamtuu fi galateeffamtus hin kaasna.

As Ameerikaa keessaa fi biyyaa irraa namoota dubbisneerraa, kinooti.

Ayyaanni Waggaa Haadhotiin Itti Kabajaman Gahe
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:29 0:00

XS
SM
MD
LG