Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurrandhalaa 14, Guyyaa Jaalalleeti,Valentines’ Day.Guyyaan Guyyaa Jaalalaa isanii haa tahuu jenne!


Happy Valentines' Day!
Happy Valentines' Day!
Guyyaa Jaalalaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00

Biyyitii alaa tun amala dadansaa hedduu qabdi.Guyyaa Haawwanii,Guyyaa Abbootii,Guyyaa Pirezidaantii fi kkf jedhanii guyyaa waan hedduun qaabatan.

Guyyaan hardhaa,Gurrandhalaa 14 Guyyaa warra wal jaalatuu kennan (Valentine’s Day).Guyyaa Jaalalaati.

Kennaa guyyaa jaalalaa
Kennaa guyyaa jaalalaa

Guyyaa kanatti jaalalleewwan kaardii,chokkolaataa,daraaraa diimaa ka akka abraasaa fi kennaa hedduu walii kenna.

Kennaan guyyaa akkanaa kana walii kennan hagii guddaa waan milikkeeta onnee qabaati.

Maqaan Valentine jedhu kun maqaa paasteri Kiristaana jaarraa 14essoo keessa ijjeesaniiti. Namii kun kiristaana lama dhiirsaa fi niitii silaa wal fuudhuu hin malle wal fuusisee jedhanii ijjeesan.

Eegii sunii asitti Ingillaandi keessatti guyyaa kana ulfeessuu jalqaban.Achumaan aadaa fi amalii kun addunyaa keessati baballate.Warrii Ingilaandii gara Amerikaa dhufetti aadaa fi amala suniin dhufe.

Waraana Addunyaa II duubatti ammoo waraanii Amerikaa Awurooppaa jirulleen aadaa sun Awurooppaa geesse.

Amerikaa,Biriteyin,Jermenii,Kooriyaa Kibbaa,Xaliyaana,Jappaanii fi Jermenii faatti Guyyaa Jaalallee kana akkuma amalaa fi aadaa biyya isaaniitti hardha ulfeessuutti jiran.

Isanii Ameirkaa fi Awurooppaa fi biyya akka akkaa keesatti Guyyaa Jaalalaa kanatti jirtaniin guyyaan guyyaa gammachuu isanii haa tahuu jenne.

Happy Valentines' Day! Jechaa sirba Adele Laurie ka Hello..jedhu isan afeerra.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG