Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaa Soddoma Keessaatti Gadhisanii Ba'u Qabu !


Baqattoonni biyyoota adda addaa seeraan ala somaaliilaand keessa jiraataa jiran kanneen kuma 80 hanga kuma 90 ta'an hanga dhuma baatii Fulbaanaatti biyyattii gadhisanii akka ba'aniif mootummaan labsee jira.

Baqattonni akka jedhanitti immo kanneen dahannaa siyaasaa gaafachaa jiraniis ta'e ka jaarmayaa baqatootaa UNHCR jalatti galma'anii jiraniis akka ba'aniif dirqamaa jiru.Kana malees doorsisa, reebichaa fi hubaatii adda addaatu nu irra ga'a jira, jedhan.

Mootummaa Somaaliilaand keessatti kan dhimmi kun kallattiin isa ilaalu Ministeera Qubsumaa, Deebisanii Dhaabuu fi Ijaarsaaf Daayreekteera kan ta’an Ahmed Ammee "kanneen dahannaa siyaasaa gaafataa jiranii fi kanneen UNHCR biraa waraqaa qaban waluumaa gala lakkoobsii isaanii kuma 6 gad kan ta'e labsiin kun hin ilaallatu" jedhu.

Waajiira UNHCR ka Somaliyaaf dubbi-himaa ka ta’an Andii Niidman waa’ee baqatoota waajiira isaanii jalatti ituu galmaa’anii jiranii baafamuuf dirqisifamaa jirra, jedhani gaafatamanii Dubbi wal-dhahaatu baqattoota biraa dhaga’amaa jira. Kanneen baqataa ta’anii UNHCR simate biyyaa akka hin baafamne Mootummaan Somaaliilaand waadaa nu seenee jira, jedhan.Kanneen otuu dahannaa siyaasaa gaafataa jiranii dhimmi isaanii xumuratee baqatummaatti hin fudhatamne garuu, akka baqattoota waraqaa UNHCR argataniitti hin ilaalaman, jedhan.

MP3 tuquun gabaasa guutu dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG