Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Suudan Kibbaa Eegachaa Baate Kunoo Gaheef !


Suudan, biyyi Afrikaa keessaa bali’na lafaatin beekamtu Kaabaa fi Kibbaatti wal qooddee bara dheeraa wal hadhaa baate.Kibbii hagi guddaan nama gurraacha Kiristaana fi Waaqeffataa Kaabi ammoo makaa arabaa amantii Islaamaa hordofu.

Waraanni haga guddaan Mootummaan Suudan Kaabaa Milishoota Arabaa dabalatee xayyaaraa fi meeshaalee adda addaatiin Suudan Kibbaa irratti oofaa ture nama hedduu fixe. Walumatti Suudanitti nama miliyoona lama caalu tu ganna 20 keessatti dhume, miliyoona afur tu baqatee onaa bahe.

Addunyaan rakkoo tana falanii bara 2005 keessa Suudan Kaabaa fi Kibbaa waraana dhaabsisanii gidduu isaaniitti walii-galtee tolchan. Araarii CPA,/Comprensive Peace Agreement /jedhan kun amma biyya tana gara fedhii Suudan Kibbaa yoo feete cittee baate tahuu baattu ammoo Suudanuma Kaabaa walin jiraattutti geessuutti jira. Filannoon hiree-murteeffannoo kun ammoo Ammajii 9,2011 irra oola.Guyyaan kun guyyaa ummata miliyoona hedduu fi addunyaalleen eegachaa baate.

Gabaasaa guutuu MP3 gama harka mirgaa jiru tuquun caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG