Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Waan Mo’aaz Ittiin Maqaa Keenya Dhahee Nu Hin Ilaallatu"


Kuusaa Suuraalee:Baqattoota Afrikaa bara 2012
Kuusaa Suuraalee:Baqattoota Afrikaa bara 2012

Balaa Doonii galaana Medtraaniyaan keessatti Ebla 9 bara 2016 dhaqqabee lubbuu namoota dhibba shanii olii galaafate sana keessa lubbuun kan hafe Mo’aaaz Mahmuud Ayimoo godaantoota sana walitti-qabee Araboota seeraa-ala godaantorta deddebisaniif kan dhiyeessan Oromoota sadii fi lammii Somaalee tokko jechuudhaan dubbachuun isaa ni yaadatama. Oromoonni sadeen haasoofsiifne garuu, kun gonkumaa dubbii sobaa, ka dhugaa irraa fagaate jechuun dubbatan.

Baqataan kam iyyu abdii kutatee du’aa fi jireenya giddutti yeroo murteeffatu gara galaanaatti seenuuf murteeffata kan jedhan jarreen sadeen, yeroo kanattis maallaqa imalaaf baafamuu fira, aantee ykn nama naannoo ofii bira galfata ykn imaanaa ka’achuun waanuma baratamee, jedhan.

Maallaqni kun galaana irra ce’anii nagaan yoo ba’an kanneen isaan cesiisaniif kan baafamu ta’uu, garuu, yoo kun ta’u didee carraan du’aa baqataa mudate, fira baqataa du’eef kan kennamu ta’uuu sadeenuu ibsanii jiru.

Oromoota sadeen keessaa lama gonkumaa Mo’aaziin kan hin beekne fi kan hin argiin ta’uu ibsanii jiran. Ka sadaffaa garuu, Mo’aaziin akka beekuu fi ce’uuf akka fedhii qabu itti himee maallaqa baqattoota 40 irraa sassaabame keessaa hanga tokko akka isa biraa kaa’ee ture dubbata. Garu “baqattoota arabootaaf dhiyeessu” jechuun kan Mo’aaz dubbate soba, jechuun hubachisee jira.

Wal falmii baqattootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:29 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG