Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamtoota Filannoo


Godina Illuubbaabor aanaa Daariimuu keessatti warraaqsa federaalistii uummata oromoo bakka bu'anii dorgomaniif galmaa'uuf wayita qophaa'aa jiranitti lafa hojii isaaniitii qabamanii mana hidhaa kanneen seenan keessaa Obbo Dirribaa Chiloo tokko.

Godina Illuubbaaboor aanaa Daarimuu keessatti warraaqsa federaalistii uummata Oromoo bakka bu’uanii dorgomuuf galmaa’uuf wayita qophaa’aa jiranitti lafa hojii isaanii tii qabamanii mana hidhaa kanneen seenan keessaa Obbo Dirba chilo tokko.

Yeroon galmaa’uu isaaniis mana hidhaa utuu jiranii waan darbeef jecha haati warraa isaanii aadde Birhane G/wold Dukkeessaa iddoo abbaa manaa isaanii bakka bu’anii dorgomuuf galmaa’an. Hanga yoonaa garuu duula filannoo geggeessuuf eeyama hin argatin jiraachuu isaanii dubbatu.


Waajjira buufata filannoo aanaa Darimuu akkasumas bakka hojii isaanii waajjira gaaliiwwanittis iyyannaa dhiyeeffannaan ka na dhaggeeffatu hin arganne jedhan aadde Birhaneen.

Itti gaafatamaan buufata filannoo naannoo aanaa Dariimuu obbo Caaniyaaloo Befekaduu immoo garee mormituu isa kamiinuu haa ta’u akka seerri eeyamufitti kan eeyama dhabe hin jiru, adeemsi jiru haala demokraatawaan geggeessamaa jira jedhu. Darimutti bilbiluun Tujubeen haasofsiistee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG