Xurree ittiin seenan

Haala Polotiikaa Somaliyaa irratti Gaaffii fi Deebii Obbo Leencoo Lataa Wajjin

  • Namoo Daandii

OBBO LEENCOO LATAA

OBBO LEENCOO LATAA

Dho’insawwan Boombii Ugaandaa keessatti Geggeessaman Rakkoon Gaanfa Afrikaa Keessaa Sadarkaa Biraatti Cehuu Agarsiisa jedhan, Qorataan Siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Itti-aanaa Hayyu-duree ABO durii, Obbo Leencoo Lataa.

Raadiyoo Saagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kennaniin kan kana dubbatan, Obbo Leencoon, dho’insawwan Magaalaa Kampaalaa keessatti ggeessamanii namoota 74 galaafachuu gara turban tokkoo dura, hoogganoonni miseensota IGAD tahan Finfinneetti walga’uudhaan loltoota dabalataa 2000 gargaarsa Mootummaa Cehumsaa Somaliyaaf erguuf murteessuun, keessumaa, ka duraan akka Somaliyaa keessaa baatu taasisamte, Itiyoophiyaan loltoota ishee itti deebisu malti ka jedhamu, Al Shabaabiin daranuu jabeessee, rakkoo Somaliyaa fi ka Gaanfa Afrikaa hammeessuu irraa kan hafe bu’aa fidu akka hin qabne dubbatu.

“Al-Shabaabiin ka jabeesse, Itiyoophiyaa fi Ameerikaan Somaliyaa keessatti akka diinaatti ilaalamuu dha. Silaa, Itiyoophiyaa fi Ameerikaan harka keessaa baafatanii, uummatni Somaliyaa Al Shabaabiif mararfannaa hin qabu. Inumaa, seera Al-shabaab biyyattii keessatti baasaa jiru, kan akka seera uffannaa dubartootaa fi jimaa qaamuu dhorkuu faa irratti uummatni Somaaliyaa jibbinsa qaba” jedhu, Obbo Leencoo Lataa.

Ammaan dura dhimma polotikaa Gaanfa Afrikaa irratti kitaabota lama ka barreessanii turiin, amma dhaabbata dhuunfaa biyya Noorwey maadheffate, ka jedhamu keessatti qorataa polotikaa Gaanfa Afrikaa ka tahan, Obbo Leencoo Lataa, “humnoota sadarkaa Addunyaa dhimma Somaaliyaa keessa harka galfatan” jedhan lamatti qoodanii ilaalu. “Tokko, kanneen Al-shabaabiin gagaaraa jiran, caasaa Shororkeessotaa akka AL-QAA’IDAA fi lammaffaan, Yuunaayitid Isteetsii fi Itiyoophiyaa dabalatee qaamota alaa Mootummaa Cehumsaa Somaliyaa gargaarani. Lameenuu, rakkoo Somaaliyaa daranuu hammmeessuu malee fooyyessuu hin danda’ani. Kanneen dantaa uummata Somaaliyaaf dhaabatan illee miti.” Jedhu.

Rakkoon Somaaliyaa keessaa, haalli itti amma Al-Shabaab of mul’isaa jiru kun, Itiyoophiyaa irratti gama nageenyaanis tahe gama polotikaatiin yoo dhiibbaa qaba tahe gaafatamanii, “Eyyeen dhiibbaa jabaa qaba. Yoo isaaf danda’ame dinni isaa guddaan inni itti xiyyeeffate Itiyoophiyaa dha. Kanaaf, Itiyoophiyaan rakkoo nageenyaa Al-shabaab itti fidu irraa ooluuf, naga-eegumsa ishee daran cimsuuf maallaqa hedduu itti dhangalaasuu tu ishee eeggata. Gama polotikaatiin immoo, rakkoo sana caalaa sodaachisaa tahe tu jira. Yeroo dhaabonni mirga uummata isaaniif lola laaffataa deeman kanatti, leellistummaan amantii Al-shabaab oofaa jiru kun akka furmaataatti yaadamee gara biyya Itiyoophiyaa keessaatti illee babal’atuu mala. Kun immoo, uummata Itiyoophiyaa amantii adda addaa qabu addaan facaasee, wal irratti kaasee, rakkoo furuun isaa rakkisaa tahe uumuu mala. Kun hedduu na yaaddessa.” Jedhan.

Dhaabota mormii polotikaa Itiyoophiyaa keessaa, kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden faa irratti yoo dhiibbaa fidu qabaate illee gaafatamanii, “Eyyeen dhiibbaa jabaa qabaata. Duraanuu, dhabonni bilisummaa uummata isaaniif lolan, kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Ogaaden faa hawaasa Addunyaa irraa ilaalcha hin arganne. Amma immoo, Adda Bilisummaa Ogaaden yoo ilaalle, uummatni Ogaadeen aadaanis amantiidhaanis uummata Somaalee waliin tokko waan ta’eef akka qaama leellistummaa amantiitti hidhata qabuutti tilmaamamuu mala. Addi Bilisummaa Oromoos, uummatni Oromoo harki caalaan kan amantii Islaamaa hordofu tahuu isaa irraa kan ka’e, akka waan gochaa leellistummaa amantiitti hidhata qabuutti shakkamuu mala. Silaa dhaabota mirga uummata isaaniif qabsaawan akka kanaaf duraan ilaalchi gaariin kennameefii jabaatan tahee, rakkoon leellistummaa amantiiyyuu akkana hin babal’atu ture.” Jedhan, Obbo Leencoo Lataa.

Walumaa-galatti kan haala Gaanfa Afrikaa keessaa daddaaqaa jiru rakkoon Somaaliyaa keessaa ka furmaata argachuu danda’u, otuu harki hawaasa Addunyaa fi ka mootummoota naannoo keessa hin seeniin yoo uummatni Somaalee ofii gad taa’ee wal-waliin mari’atee, dhiibbaa tokko malee ofii mala dhawate qofa tahuu akeekan.

XS
SM
MD
LG