Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoteela Moqaadishootti Haleellaa Alshabaab Godheen Namoonni 24 Du'uun Beekkame


Fundura hoteela Ambaasadderii han kaleessa Al-shabaabin haleellame,Moqaadishoo, Waxabajjii 2, 2016.
Fundura hoteela Ambaasadderii han kaleessa Al-shabaabin haleellame,Moqaadishoo, Waxabajjii 2, 2016.

Lakkoofsi namoota haleellaa kaleessa hoteela magaala Mooqaadishotti argamu tokko irratti Al-shabaabiin godhameen du'ani 24 gahuunif namoonni 60 madahun isaanii beekkammera.

Ministirri nageenyaa Somaaliyaa Abdiriisaaq Omaar Mohaammad Sagalee Raadiyoo Ameerikaa Sagantaa Afaan Somaaliitti akka himetti haleellaa kanan miseensonni paarlaamaa biyitti lama fi namoonni nagahaa lubbuu isaanii dhabaniiru. Humni waraana Somaaliyaa hidhattoota al-shabaab haleellaa san geechisan sadi'i ajjeesee naamoota 57 hidhattoonni kun to'annaa jala olfatanii turan harkaa miliqsuu isaas dubbate Abdiriisaaq.

Gareen Al-shabaab karaa isaatiin haleellaa kna geechiisuu isaa ibsee sababni hoteelicha filateefis hoggantoonni Somaaliyaa hoteela kana bayyinaan wanna fayyadamanif jedha. Hoteelli Ambaasaaddar Moqaadishoo, Karaa Maka-al-mukaaramaa han masaraa mootummaatti dhihoo jiru irratti argama.

Hoteela Ambaasaaddarii Al-shabaabiin erga haleellamee booda.
Hoteela Ambaasaaddarii Al-shabaabiin erga haleellamee booda.

​Haleellaan Roobii kaleessaa kun han ta'e, mootummaan Somaaliyaa komaanderii Al-shabaab olaanaa , Mohammad Mohammud ( han Dulyaddiyin jedhamuudhan beekkamu) ajjeese jedhee sa'aatii muraasa booda. Dulyaddiyin haleellaa Keeniyaa Yunivarsiitii Gaarrisaatti Ebla bara 2015 namoota 148 galaafate karoorse jedhameet himatama.

Al-shabaab kana duraas hoteelota magaala Mooqaadhishoo jiran adda addaaratti haleellaa geechisaa turun isaa hin yaadatama.

Haleellaa Hoteela Mooqadhishoratti Godhameen Amma Ammaatti Namni 24 Du'e
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:00 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG