Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Humna Ibsee Gilgel Gibee Sadeessoo hojjachaa baate ya fixxee eebbifte


Kuusaa Faayilaa:Hujii hidhaa abbaayaa bara 2013
Kuusaa Faayilaa:Hujii hidhaa abbaayaa bara 2013

Gilgel Gibee sadeessoon,hujii Itoophiyaan humnba ibsee isii guddifachuuf naannoo kibbaa godina Dawarooti fi Walayitaa jidduutti hojjachaa bahan.

Haroolee laga Gibee irratti hojajtan lamaan Gilgel Gibe tokkeessoo fi lammeessootti dabalamanii hujiitti jiran.

Hujii tanaan humnitii Ibsee megawatt mw870 irraa argatan.Akka kanaan humna ibsee Itoophiyaa harka 94 guddisa.Haroon tun bisaan metir kuubii biliyoona 14 qabdi lafa karee kiilometrii 200 irratti jaaran.

Akka bulchootii Itoophiyaa jedhanitti hujiin tun adoo warri hujiin tun naannoo balleessitii bisaan laga Hoomootii fi garba naannoo Turukaanaa irraa bisaan diqqeessit jedhanii itti duulanii dhumatte.

Baankileen tanaa jettee horii porojeekti tanaan jaaran dhowwattee fi warrii tanaa jedhee gagaarsa didelleen hinuma jira.Tana keessaa jabaannee hojjannee fixannee jedha muummeen minsitera Itoophiyaa Hayilee Maariyam yoo guyyaa dheengaddaa hujii tana eebbisiise.

“Rakkoolee porojeektiin tun jalqabumaayyu keessa baate;gama horiiti fi teessoo lafaa irratti,tana malee waan mirkanaa caalaa rakkoolee amantii fakkaatuun warri rakkoo naannootii quuqamnaa jedhu jibbaa fi gooyessaa haga hin qamne oofaa asi gahan. Tanuma keesaa baanee asi geennee tun nuu cufaafuu gammachuu biyyaa ta haga hin qamne taate.Baga waliin gammanne.”

Hujii fi wanti asi irraa argamaa gabayaa alaallee hin oolti jedha muummeen minsitea kun.

Hujiin tun akka jecha muummee ministeraatti Itoophiyaa qofaa miti biyyoota olla guddaannaan duubatti hafanii fi guddachuutti jiranillee fkn dansaa taati.

Humnitii ibsee Gilgel Gibee argachuutti jiran fi hujiin isii dhumachuutti jirtulleen walti dabaltamtee biyya alaalleetti gurguranii faaydaa guddaa fiddi.

Biyyoota ollaalee waliin ibseen walti dhufanii,guddina faaadaa qabu uumetee waliin gudachaa gabayaa alaaallee dabalte faaydaa irraa argatan jedha muummeen misntera kun

XS
SM
MD
LG