Xurree ittiin seenan

Hanqinni Midhaan Nyaataa Itiyoopiyaa Mudate

  • Piiter Haaynlaayin

Hanqinni Midhaan Nyaataa Itiyoopiyaa Mudate

Gareeleen gargaarsa sadarkaa addunyaa fi jarmiyoonni baraarsa kan yeroo hatattamaa baatilee ja’an darban keessa roobi hanqachuu isaatiin haalli jiru battala gada adeemaa deemuun isaa akka tasaa itti ta’ee jira.

Baatii Guraandhalaa keessa Ethiopiaan uummata miliyoona 2.8 nyaachisuuf jaarmolii gargaarsa namoomaa gaafattee turte. Kunis kan waggoota kana dura turanii irra hedduu gad bu’aa dha.

Haa ta’u malee baatii Ebla keessa naannolee horsiisee bulaa kan naannoo gaanfa Afrikaaa keessa kan jiru lafti marga dheedichaa goguun lammiiwwan Itiyoopiyaa kuma 400 ta’an kanneen gargaarsa fedhanitti akka dabalaman taasise.

Hojjettoonni gargaarsaa akka jedhanitti dhiibbaa hongeen fide guutummaa addunyaa irraa gatiin midhaan nyaataa qaala’aa adeemuu isaan daran hammaate.

XS
SM
MD
LG