Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hanqinni Nyaataa Itiyoopiyaa Keessaa Sodaa Uume

Ministeera qonnaa Itiyoopiyaatti dameen ittisa balaa fi qophaa’inaa fi kan wabii nyaataa tuuta oduuf ibsa kenneen gareen qoranna mootummaan hoogganamu tokko Amajjii darbee qabee baatilee ja’an itti aananiif uummati Itiyoopiyaa miliyoonni 2.8 gargaarsa yeroo hatattamaa eeggatu jedhee jira.

Kunis hanga baatii waxabajjii darbeetti lakkoobsa namoota gargaarsa eeggatan waliin yeroo ilaalamu gad bu’ee jirachuu isaa ibsi barreeffamaan raabsame beeksisee jira.

Minister dee’itaan ministeera qonnaatti dameen ittisa balaa fi qophaa’inaa fi kan wabii nyaataa obb Mitikkuu Kaasaa akka jedhanitti rakkoon dhabamuu rooba kanaa kan hammaate immoo naannoo Somalee keessatti.

Tokkummaa mootummootaatti qindeessaan gargaarsa namoomaa Eiwzeen oosuu rakaa obbo Mitikkun dhiyeessan irraa xiqqoo adda kan ta’e qabu.Ministeerichi akka jedhanitti dhorkaa guddaan kan keessa jiru sodaan nageenyaa hamaan naannolee keessa jiru jedhamu aanaalee sagal keessa. Yaadi koo kan ministeericha irraa adda kanan ta’u garuu aanaalee ka biroo keessas dhorkaatu jira.

Baatilee itti aanan ja’a keessa lammiiwwan ishee gargaarsa fedhan dhaqqabuuf doolaara miliyoona 226 fi miliyoona 540 fi 551 arjoomtota biraa eegdi. Kanneen gargaarsa yeroo hatattamaa eeggatan kun dhibba irraa harki 39 naannoo Somalee harki 21 Oromiyaa fi harki 14 immoo kanneen naannoo Amaaraa keessa jiratan yoo ta’u kanneen dhibba irraa harka 16 ta’an immoo naannolee biyyattii ka biroo keessa jiraatu.

MP3 tuquun guutuu gabaasa kanaa dhaga'aa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG