Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harkatu Harka Dhiqa !


Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbaay Coomman magaalaa Fincaa'aa keessa warshaan sukkaaraa fi kuufamni humna ibsaa kan jiru ta'u iyyuu yeroo ammaa immoo kuufamni madda humna ibsaa haaraan ijaarmaa jira.

Kanaaf jecha namoonni naannoo biraa hojii barbaacha gamas seenan hedduu dha. Sochiin namootaa yeroo dabalaa adeemutti immoo carraa vaayrasiin HIV babal'achuu akka dabalu beekamaa dha.

Obbo Dulaa Buzaayyoo aanaa Abbaay comman keessatti qindeessaa projeektii HIV/AIDS ta'uun hojjatu.Isaaniis akka jedhanti namoota vaayrasii HIV waliin jiraatan waldaan gurmessani akka gargaaraman gochuu irratti hojjatamaa kan jiru ta'uus projektoota madda galii argamsiisan qorachuun hojii irra oolchuuf yaaliin ta'e sababaa hanqina maallaqaan haga yaadame tarkaanfachuu akka hin dandeenye ibsan.

Maallaqa argame kallattiin namonni akka itti gargaaraman gochuu irra maallaqa sanaan projektii kan akka lukkuu horsisuu, loon gabbisuu fi suuqilee banuun maallaqa sana irra argamun, haala itti fufiinsa qabuun gargaaruu wayya jedhu obbo Dulaan.

Guutummaa gaaffi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggefadhaa.

XS
SM
MD
LG