Xurree ittiin seenan

Breaking News

Visaa Ameerikaa Argachuuf Seerri Jiru Ni Cime: Ministrii Dhimma Alaa


Visaa Ameerikaa Argachuuf Seerri Jiru Ni Cime: Ministrii Dhimma Alaa
Visaa Ameerikaa Argachuuf Seerri Jiru Ni Cime: Ministrii Dhimma Alaa

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Istaates embaasilee fi qoonsilaan Ameerikaa guutummaa addunyaa keessa jiran viisaa ennaa kennan qorannaa kan kana duraattii adda ta’e akka geggeessan gaafate.

Qajeelfamni ministrii dhimma alaa kun embaasilee fi qonsiilaawwan hariiroo shororkeessotaa ykn naannolee IS to’ate keessa turan jedhanii namoota shakkaman ennaa isaan visa Ameerikaa gaafatan caasaa hawaasaa isaan fayyadamaa turan akka qoratan ajaja.

Qajeelfamni ministriin dhimma alaa Ameerikaa Reks Tileersen ergan kun embaasileen visaan erga gaafatamee booda qaamni qorannaa itti dabalaa isa barbaachisu kamiin akka ta’e adda baasuuf ulaagaa barbaachisu murteessuu fi koree naga eegumsaa fi basaasaa akka hundeessan gaafatan.

Namoonni viisaa gaafatan waan irraa barbaachisu kan guutan yoo ta’e illee ulaagaan jedhame kan isaan ilaallatu taanaan qorannaan itti dabalaa geggeessame viisaa dhorkamuu malu.

Qajeelfamni kun prezidaant Traamp ennaa duula filannoo waadaa seenaniin lammiiwwan biyya alaa gara US dhufan irratti qorannaa cimaan akka geggeessamu kan dubbataniif ragaa dha.

Baatii bitootessa 10 qabee hanga 14 yeroo jiran gidduu keebiliiwwan ergaman akka agarsiisanitti angawoonni embaasilee, utuu visa hin kennin dura lakkoobsi namoota isaan nageenya Ameerikaaf sodaachisoo dha jedhanii qoratan dabaluu beeksisee jira.

Amnestii Internaashinaal ministriin dhimma alaa US qajeelfamoota kana ifa akka taasisu gaafatee jira. Qajeelfamni sun biyya itti dhalatanii fi amantii irratti hundaa’uu loogiin akka geggeessamu eeyama kan kennuu jedhee jira.

XS
SM
MD
LG