Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harki Harka Hin Nyaatu !


Poolisiin Keniyaa gara jalqaba baatii Mudde bara 2010 kaasee baqattoota seeraa ala biyya koo keessa jiran faana dhahaa jedhuun,baqattoota biyyoota Gaafa Afrikaa 300 ta'an hidhuun isaa ni yaadatama.Kanneen keessaa irra jireessi lammiwwan Somaaliyaa yoo ta'an kan Itiyoophiyaa fi Ertiraas kan keessa jiran ta'uu gabaasamee jira.

Baqatoota Oromoo hidhaman keessaa hangi tokko hiikamuu fi kanneen biroon amma iyyuu hidhaa keessa jiraachuu kan ibsan Keeniyaatti itti gaafatamaan sab quunnamtii Hawaasa Baqataa Oromoo Obbo Xaggaayee Guddataa, kanneen gadhiifaman keessaa miseensonni hooggana Hawaasa Baqattoota Ormoo irra deebi'anii Muddee 22 bara 2010 hidhamuu ibsan.

Miseensoota hogganaa kana irratti yeroo yerootti himannaan dharaa dhiyaataa akka ture fi manni murtii ragaa dhabuun akka walaba isaan gad-lakkise kan ibsan obbo Xaggaayeen,Oromoota baqattoota fakkaatanii iccitiin mootummaa Itiyoophiyaa waliin hidhata qabantu maqaa fi teesso jireenyaa baqattootaa himuun nama qabsisaa jira jedhan.

Gurmaa'uu jaarmayaa hawaasa baqattoota Oromoo jibbuun yeroo yerootti maqaa amantii, naannoo fi kanneen fafakkaataniin warra sabicha digaa turantu,amma immoo tooftaa kana gargaaramee baqatoota hiisisaa jira jedhu.Garaa garummaan ilaalcha siyaasaa Oromoota gidduu jirus kanaaf kan gumaache qaba shakkiin jedhu illee ni jira jedhan Obbo Xaggaayeen.

Kanneen hidhaman kun akka poolisiin Keeniyaa jedhu sana seeraan ala kan Keeniyaa seenan otoo hin taane, waggoota kudhan caalaaf dhaaba baqatootaa UNHCR jalatti galmeffamanii kanneen waraqaa ragaa qaban ta'uu illee dubbatan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG