Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Mandii Har’as Jeeqamaa Oolte Jedhu Jiraattonni


Kaartaa Oromiyaa
Kaartaa Oromiyaa

Godina wallaggaa lixaa aanaa Manasibuu magaalaa Mandii keessatti kaleessa humnoota mootummaa fi barattoota gidduutti walitti bu’iinsi uumamuu isaa jiraattonni magaalattii VOAf ibsaniiru.

Jiraattonni kun akka jedhanitti barattoota 04 kan magaalaa Mandii keessa jirantu kaleessa waaree booda dhaadannoo adda addaa dhageessisuu dhaan namoonni hidhaman nuuf haa hiikaman hiraarsi uummata irratti geggeessamu hidhaa fi reebichi haa dhaabatu jechuun dhaadannoo dhageessisuu isaaniin humnoonni mootummaa bittenneessuuf utuu yaalanii walitti bu’iinsi uumame.

Jiraataan magaalaa Mandii OBBO Galataa lammeessaas kaleessaa fi har’a ka magaalattii keessatti uumame ennaa nuuf ibsan barattoota mormii dhageessisuuf ba’an kanatti humnoonni mootummaa itti bobba’uu dhaan gaazii imimmaansu itti biifanii kaanis reebuu dhaan bittimsan jedhan.

Barattoota qofaa utuu hin taane mana barnoota qophaa’inaa Manasibuu seenuu dhaan barsiistonni utuu hin hafiin jilbeenfachiisanii isintu ijoollee kana kakaasa jechuu dhaan barsiisaa tokko reebuu isaanii jiraattonni nuuf ibsaniiru.

Mormii barattootaa geggeessame jechuun ka jiraattonni magaalaa Mandii nuuf ibsan kana gama mootummaan ibsa argachuuf gara itti gaafatamaa waajjira bulchiinsa fi nageenya magaalattii obbo Malkaamuu Olaanaatti bilbile haalli jedhamu kun dhara. Ijoolleetu keellaa mana barnootaa keessaa ba’uun wacee jeequu yaale jedhan. Humnoonni mootummaas ga’anii tasgabbeessuu dhaan ijoollee kanaaf gorsa kennanii ijoolleen mana barnootaatti deebi’aniiru jedhan.

Magaalaan keenya nagaa guutuu qabdi, adeemsi baruu fi barsiisuus hin danqamne mormiin ka’e jedhame kunis waca ijoollee muraasaa irraan kan hafe guddaa miti, magaalaan keenya nagaa guutuu qabdi jechuun itti gaafatamaan waajjira nageenya magaalaa Mandii Obbo Melkamu Olana nuuf ibsaniiru.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:47 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG