Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hibboo Xaayyaara Masrii Badee


Ministirri Aviiyeeshinii biyya Masrii, Shariif Faatyii gaazexeessotaa ibsa kennan, Caamsaa,19, 2016. (Hamadaa Eelraasem/VOA)
Ministirri Aviiyeeshinii biyya Masrii, Shariif Faatyii gaazexeessotaa ibsa kennan, Caamsaa,19, 2016. (Hamadaa Eelraasem/VOA)

Ferensaay firoottan namoota xayyaara EgyptAir daandii balalii MS804 irra turan itti fayyadaman daandii bilbila yeroo hatattamaa qopheessite.

Xayyaarri kun har’a ganama barii bufata xayyaara Shaarl de Goal ka paaris ala jiru irraa ka’ee sa’aatilee hedduu booda raadaarii jalaa miliqe.

Angawoonni akka jedhanitti lammiiwwan Ferensaay 15, kan Masrii 30 fi lammiiwwan biyyootii 10 ka birootu keessa ture.

Presidentiin Ferensaay Francois Holland xayyaara sana irra miidhaan irra ga’uu fi dhabamuu ishee TV biyyattii irratti dhiyaachuun mirkaneessan. Balaa ykn haleellaa shorkeessotaa jedhamee waan beekame hin jiru.

Mootummaan Ferensaay gurumuu hojii barbaachaa irratti bobba’e gargaaruuf angawoota Masrii fi Greek waliin wal argaa jiran jedhan.

Daandiin balalii EgyptAir akka jedhetti xayyaara sana waliin quunnamtiin isaa kan addaan cite har’a barii sa’a saddeetii fi walakkaa irratti ture. Ennaa raadaarii jalaa dhabamutti fageenya metrea kuma 11 fi 300 irra kan ture si’a ta’u samii Masrii ka fageenya km 16 keessa ture.

Ministeerri ittisaa Greek akka jedhanitti xayyaarattiin akka tasaa ofi irra naannoftee battaluma fageenya irra turte irraa butamuu dhaan raadaarii jalaa dhabamte.

Yoo qorannaan geggeessamu haleellaa shorokeessotaa ta’uu adda baase buufata xayaara Shaarl de Goal kan erga haleellaaleen Paris fi Brussels keessatti geggeessamanii as eegumsa cimsee jiruu-f gaaffiin naga eegumsa dhiyaachuuf jira.

Hojjettoonni buufata xayyaara Shaarl de Goal hangi tokko torban kana hookkara hoji dhaabinsaa irra turan. Waggaa darbe hojjettoonni buufata xayyaarichaa hedduun leellistootaa ta’an jedhamuu dhaan waraqaan eenyummaa harkaa fudhatamee ture.

Hibboo Xaayyaara Masrii Badee
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:25 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG