Xurree ittiin seenan

Breaking News

KFO : Hidhaa fI Dorsiisi Oromiyaa Keessaa Jabaateera


Humnoota nageenyyaa mootummaa guyyaa Irreechaa karaa cufuuf dhaabbatan, Bishooftuu, Oromiyaa, Onk. 2, 2016
Humnoota nageenyyaa mootummaa guyyaa Irreechaa karaa cufuuf dhaabbatan, Bishooftuu, Oromiyaa, Onk. 2, 2016

Labsiin yeroo hatattamaa eega labsamee as Oromiyaa keessatti keessumaa daldaltoota,jiraattotaa fi dargaggoota irratti hidhaa fi doorsisi dhaqqabu akkaan jabaachu isaa paartiin Kongreesa Federaalawaa Oromoo ibsee jira. Itti aanaa dura ta’aan partichaa obbo Mulaatuu Gammachuu VOAf ennaa ibsan, miseensoonni isaanii hidhamaa fi dorsiifamaa akkasumas ari’atamaa akka jiran dubbatan.

Iddoo tokko tokkotti waraanni mootummaa sobee alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo qabachuun “nuti ABO dha” jechuun uummata gowwamsaa akka jiran dhageenyee jirra, kanaanis namoota adda baafatee himachuuf itti gargaaramaa jira jedhan. Keessumaa galgala galgala mana namaa cabsanii seenuun ni hidhu ni reebu. Maaliif mootummaan kana akka godhu nuuf hin galu, jedhan Obbo Mulaatuu Gammachuu.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG