Xurree ittiin seenan

Hidhaa fi Doorsisi Nutti Hammaate: Jiraattota Godina Gujii


Laga Gannaalee, naannoo magaala Adolaa, Gujii, Caamsaa 2016

Laga Gannaalee, naannoo magaala Adolaa, Gujii, Caamsaa 2016

Godina Gujii aanaa Aagaa Waayyuu keessaa uummanni amma iyyuu hidhamuun itti fufee jira jedhu jiraattonni. Dubartiin ilmee garaa qabdu utuu hin hafin sababaa miseensa maatii isaanii keessaa barbaadaman dhiyeessaa jedhuun namoonni hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu dubbatu jiraattonni.

Namoonni kana dura filannoo keessatti hirmaatan, kanneen miseensota Kongresii Federaalawaa Oromoo turanii fi mormiiwwan kana duraa keessatti hirmaatan jedhan kan argatan qabanii kanneen argachuu dhaban immoo maatiiwwan isaanii hidhaatti guuraa jiraachuu dubbatu jiraattonni.

Kanneen hidhaa dhaa gad dhiisaman illee akka jedhame leenjii qofa utuu hin taane reebichaa fi dararaatu irratti raawwatamuu nutti himan jechuun jiraattonni dubbataniiru.

Waajjirri bulchiinsa nageenya aanaa Aagaa Waayyuu garuu himannaa sana haaluu dhaan naannoo keenyaa nama hiikamaa jiru malee kan hidhamaa jiru hin jiru, nageenya guutuu qabna. Uummatis gara misoomaatti fuula deebifatee jira jedha.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG