Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhaa Kampalaa keessaa Kanneen gadhiifaman maal jedhu?


Basaastoota Itiyoophiyaa irra dhufan tu “Fannoo Dimaa irra dhufne” jechuun gowwomsee nu qorataa ture jedhu kanneen hiikaman

Sababaa dho'insa bombii Ugaandaa keessatti lubbu namoota 76 galaafate sana waliin haala hidhata qabuun,Oromoota torban tokkoof hidhamanii turan 4 amma gadhifamanii jiru. Namoota kana keessaa lama, Saamu'eel Namarraa fi Degefuu Namarraa Jaarmayaa Waa'ee Koolu-galtootaa ka Tokkummaa Mootummootaa, UNHCR, irraa waraqaa eenyummaa baqattummaa ka qaban, lamaan hafan, Jaalal Ismaa'el fi Qixxeessaa Ashebir immoo waraqaa dahata polotikaa ittiin gaafatan ka qaban tahuu dubbatu..

"Yeroo balaan dhohinsaa bakkawwan lameenitti geggeessame, Nuti bakka sana illee hin turre. Dhimma nuti hin beekneef qabanii nu hidhan." jedhu, namoonni afuranuu. Kaampaalaa irraa lafa fagootti geessamanii ala simintoo dilala’aa irratti sibilaan mukatti hidhamanii, namoota olii gad darbaniin dhitamaa fi poolisotaan reebamaa ka turan tahuu illee dubbatanii jiran. Hidhaan isaanii bakka adda addaa shanitti akka daddabree ture, isa dhumaa irratti garuu, basaastonni Itiyoophiyaa irra dhufan 3 "nuti jarmayaaa Fannoo Diimaa irra Dhufne" jechuun gowwomsanii akka isaan qorataa turan, hidhamtoonni amma gad-lakkisaman afuranuu "gaaffiileen nuuf dhihaatan,'hawaasa oromoo nannoo kanaa eenyuufatu hoggana? Adda Bilisummaa Oromo waliin hidhata qabduu? Siyaasa isa kam keessa jirtu? ka jedhuu fi ka fakkaatani" jedhu.

Gareen Finfinnee irra dhufe jedhan kunis namoota 3 akka qabu, namoonni sunis tokko Oromo, tokko Amaara, tokko Tigree ta’uu ibsuun, inni Oromoon Labataa Fufaa, ka duraan baqattummaan Ugaandaa keessa turee booda gara biyyaatti deebi'e, warri kaan immo Girmaatsiyoon fi Daawwiit kanneen jedhaman ta’uu dubbatan.

Jarreen kun dhuma irratti gaaffii fi deebii gaggeessaa otuu jiranii, miseensonni hawaasa oromoo waan itti dhufaniif, jarreen Itiyoophiyaa irraa deeman naasuun ba’anii adeemu isaanii, sana boodas, guyyaa afurii tursamanii hidhaa dhaa gad-dhiifamuu isaanii ibsan. "Eega hiikamnee booda gara mana keessaa jiraataa turree ennaa deemnuu jiraatonni naannoo nu fixuuf biyya keessan irraa dhuftan? jechuun waan nutti iyyaniif, iddoo sana gadhiisnee nama kaan bira buluuf dirqamne" jedhu.

Jarmayaan baqatootaa jalatti gama’anii jiranittis iyyannaan, dhimma keessan qaama ilaalutti dabarsinaa, har'aa’f waan isin gargaarru hin qabnu jechuu isaanii fi haala baay'ee rakkisaa keessa jiraachuu isaanii hubachiisan. Dura-taa'aan Hawaasa Oromoo magaalaa Kampaalaa, Obbo Befeqaaduu Jireenyaa Lammaas gama isaaniitiin "Namoonni afuran kun dargaggoota umuriin gara walakkeessa digdamootaa ti. Balaa akka kanaa uumuun haa hafuu bakka hamaa illee dhaabatanii hin beekani. Kanneen namoota biroof illee fakkeenya gaarii tahani. Hiikamuu isaaniitti, keessumaa immoo basaasa Mootummaa Itiyoophiyaa jalaa bahuu isaaniitti hedduu gammadnee jirra." jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan.




Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG