Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhamuu Dr. Mararaaf Furmaanni Gama Siyaasaa Barbaadamuu Qaba


Faayilii - Deeggartoonii Dr. Mararaa Guddinaa yeroo suuraa isaan kaasan, duula nafiladhaa filannoo biyyoleessaa Itoophiyaa
Faayilii - Deeggartoonii Dr. Mararaa Guddinaa yeroo suuraa isaan kaasan, duula nafiladhaa filannoo biyyoleessaa Itoophiyaa

Dr. Mararaa Guddinaa qabsaa’aa karaa nagaa ta’uu isaanii ni beekna kan jedhan hogganoonni paartilee mormituu fi miseensoonni paarlaamaa duraanii mootummaan dhimma kana gara bal’inaa fi obsaan ilaalee xumura akka itti godhu waamicha dhiyeessanii jiru. Hidhamuun Doktoor Mararaa qabsoo karaa nagaan gaggeeffamu irratti dhibbaa akka qabaatus hubachisanii jiran.

Doktoor Mararaan labsii yeroo hatattamaa cabsan jedhamee to’annaa jala oolfamuu isaanii aangawoonni biyyattii dubbatanii jiru. Tarkaanfiin kun fudhatamuun marii mootummaan mormitoota waliinan gaggeessa jechaa jiru ija shakkiin akka ilaaluu nu taasisee jira jedhu hogganoonni mormituu.

Karaa labsii yeroo hatattamaas ta’e gama seera farra shoroorkeessummaan Dr. Mararaan waan hin hubanne qabu taanaan mootummaa waliin dubbatanii furuun barbaachisaa akka ta’e dubbatan. Xiqii fi waan gam lameen tuttuqu barbaachisaa akka hin ta’iin illee hubachisanii jiran.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG