Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattonni Suudaan Kibbaa Daangaa Ce’uun Gambeellaa Keessatti Haleellaa Geesisan


Hidhattonni Suudaan Kibbaa Daangaa Ce’uun Gambeellaa Keessatti Haleellaa Geesisan
Hidhattonni Suudaan Kibbaa Daangaa Ce’uun Gambeellaa Keessatti Haleellaa Geesisan

Dilbata Bitooteessa 12 bara 2017 galgala hidhattonni sudaan kibbaa kan gosa murullee daangaa ce’uun Itiyoophiyaa seenuun haleellaa geesisanii jiru.Anaalee lama kan haawaasnii anyuwaak kan Gaambellaa keessa jiraatu irratti haleellaa geesisanin ijoolee 22 fudhatanii nama 12 ajjesuu isaanii aangawoonni nannoo dubbatanii jiru.Manneen jireenyaas gubamuu isaa ibsamee jira.

Paartiin mormituu biyya alaa keessa maadheffate adda dimokraatawaa waltaatoota Gaambeellaa jedhamu akka ibseetti haleellaan kun aanaa Gok fi Joriin keessatti gaggeeffame. Namnii ajjefame 11 ta’uu fi ijoolleen butamanii gosa murilleen fudhataman 27 jedhu. Ijoolleen ka biroon 3 mana keessa turan waliin gubachuu isaaniis ibsanii jira.Manneen hedduun gubamuu isaaniis hubachiisan.

Hidhattoni murillee ajjechaa fu butiinsa ijoollee yeroo gaggeessan kun ka duraa miti

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Hidhattonni Suudaan Kibbaa Daangaa Ce’uun Gambeellaa Keessatti Haleellaa Geesisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:45 0:00

XS
SM
MD
LG