Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Furuuf Yaadawwan Furmaataa Dhiyaatee jira: Hoogganoota AmantiiQaami Walitti Araaramu Utuu Hin Argamin Araarri Hin Bu’u: Mormitoota


Walitti Bu’iinsa Furuuf Yaadawwan Furmaataa Dhiyaatee jira: Hoogganoota Amantii
Walitti Bu’iinsa Furuuf Yaadawwan Furmaataa Dhiyaatee jira: Hoogganoota Amantii

Gumiin waaltaalee amantii Itiyoopiyaa kan yaalii araara buusuu kan jalqabe walitti bu’iinsa biyyattii keessatti uumamee ture ittiin ka’umsa godhachuu dhaan ture. Kanaan wal qabatees haaloo fi jibbiinsi akka itti hin fufnes yaalii gochuuf jecha.

Hirmaattota irraa yaadi dhiyaate qindaa’anii motummaaf akka dhiyaatan illee ibsamee jira.

Yaada kana keessaa hangi tokko barreessaa gumii waaltaalee Amantii luba Zerihuun Degguun dhiyaatee jira.

Yaadi furmaataa dhiyaates araara caalaa ittiin ka’umsa rakkoolee Sanaa fi furmaata jiru irratti kan fuleeffate ture.

Gumii kana irratti mormitoonnii fi mootummaan kan hin affeeramne ta’uun ibsameera. Guyyaa duraa gumichaa irratti ministeerri federaalaa kan dhimmootii Horsiisee bulaa Kaasaa Tekele Birhaan yoo argaman kan guyyaa lammataa irratti immoo itti aanaa muummichi ministeeraa Demmeqee Mekonnin argamaniiru.

Gama mormitootaan yaada gama isaanii kan kennan itti aanaa dura taa’aa Kongresii Fedeaalawaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu turan. Mariin araaraa kun mootummaan kan dhuunfatamee fi araara buusuuf kan wal ga’e jennee hin amannu jedhan. Qaama walitti araaramu utuu walitti hin fidin araara buusuun hin danda’amu jedhaniiru.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Walitti Bu’iinsa Furuuf Yaadawwan Furmaataa Dhiyaatee jira: Hoogganoota Amantii Qaami Walitti Araaramu Utuu Hin Argamin Araarri Hin Bu’u: Mormitoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:43 0:00

XS
SM
MD
LG