Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Godina Gujii fi Arsii Lixaa Akkasumas Dhohiinsa Bombii Magaalaa Walisoo


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Godiina Arsii Lixaa magaalaa Abaaroo keessatti Wiixta Guraandhala 08 bara 2016 hiriirrii mormii gaggeeffame nagaan xumuramuu isaa jiraattonni dubbatanii jiru. Hiriiraa fi mufannaa uummataa kan kakaase nama tokko qabanii hidhuuf yaalii polisoonni godhan ta’uu dubbatu.

Godiina Gujii aanaa Gaaroo Doolaa magaalaa Har-Qalloo keessatti mormiin uummataa wiixata kaleessaa gaggeeffame reebichaa fi hidhaa Federaalaan xumuramuu jiraattonni ibsanii jiru. Barsisaan akka hiikamuuf hiriirtonni gaafatan Eliyaas Gambeelaa garuu gara magaalaa Nagalleetti ergamuu isaa itti gaafatamaan waajiira nageenyaa kan aanaa Goroo Dolaa Obbo Abarraa Cuwwee ibsanii jiru. Sababaan kennanis jeeqama qindeessaa ka jedhu. Namni biraa reebamees ta’e hidhame garuu tokko hin jiru jedhu.

Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruu magaalaa Darmee keessatti uummanni hiriiree mormii dhageesisuu isaa kan dubbatn jiraatonni nagaan xumuramuu dubbatu. Bulchaan aanaa sabbaa Boruu Xennoo Makkoo akka jedhantti hiriira kana gaggeessuuf gaaffiin dhiyaatee fi ehamni kenname jiraachuu baatuus barattoota dubbisnee walii galtee irra geenyeerra jedhan. Godina Shawaa kibba Lixa aanaa Walisoo magaalaa Walisoo keessatti har’a ganama naannoo sa’aa sadii irratti kooleejii ogumaa fi tekinikaa Walisoo keessatti boombiin dho’e kutaa barnootaa tokko gubuu isaa akkasumas barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa kaleessaa fi dheengadda Hiriira ba’uu dhaan mormii dhageessisuu isaanii

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:20:28 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG