Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lafti isaan Irra Nu Fiigsaa Turan Akka Eelee Sibiilaa Guba: Kanneen Hidhaa dhaa ba’an keessaa tokko


Hiriira mormii Oromoonii Finfinneetti Hagayya 6, 2016 godhan
Hiriira mormii Oromoonii Finfinneetti Hagayya 6, 2016 godhan

Hiriira-mormii guutummaa Oromiyaa keessatti, Hagayya 6 geggeessamee booda, namoota hidhamanii turanii dhiheenya hiikaman keessaa kanneen dubbisne, mooraalee jimlaadhaan itti hidhaman keessatti ka reebichii fi cunqursaan adda addaa irratti geggeessamaa ture ta’uu dubbatu. Aangawoonni mootummaa garuu, namni seeraa ala hidhamus fi ka miidhaan irratti irratti raaw’atamus akka hin jirre dubbatu. Kanneen hiriira Hagayya 6 Finfinneettti geggeessame irratti qabamanii fi naannoo Affaar – mooraa leenjii waraanaa Awaash toorbaa keessatti hidhamanii turan keessaa, shamarree tokko qaamni ishee laalatee akka dhukkubsataa jirtu dubbatti.

Nu tumuu lafa qoreen guutame kan lafi isaa akka eelee sibiilaa guba irra nu fiigsaa turan jette. Sana irra Ispoortii dha jedhanii adabbii yakkamaan adabamu nu adabaa turan. Miilla keenya qoreen seenee keessaa baafachuuf yoo jenne illee nu dhiitu. Kanaaf dararaan nu irra ga’aa ture hagas hin jedhamu jetti shamarreen kun.

Abboota murtii tu mana murtii dhufe jedhanee ennaa gad nu dhiisuuf ka’an kan isaan itti nu dhiyeessan immoo namoota ittoo nuu tolchaa turaniif huccuu kabajaa kan abboota murtii hin uffanne turan. Kan isiniif dhaabatus kan isin himatus jira nuun jechuu dhaan waan ajaa’ibaa akkasii nu agarsiisanii booda irra mootummaan dhiifama isinii godheera jechuun nu gadhiisan jette.

Lafti isaan Irra Nu Fiigsaa Turan Akka Eelee Sibiilaa Guba: Kanneen Hidhaa dhaa ba’an keessaa tokko
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:57 0:00

XS
SM
MD
LG