Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Finfinnee Irratti Namoota Heduutu Reebame Jedhu Jiraattonni


Hiriira mormii Oromoonni Finfinneeti bahan, Hagayya 6, 2016
Hiriira mormii Oromoonni Finfinneeti bahan, Hagayya 6, 2016

Hoogganoonni paartii mormituu, mootummaan biyyattii mormitoota irratti tarkaanfiin gitaa olii fudhatu yoo itti fufe, biyyattii addaan-facaasuu mala, jechuuhaan akeekkachiisan. Dubbi-himaan Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Xuruneh Gamtaa, har’a Raadiyoo Sgalee Ameeirkaaf ibsa kennaniin, mootummaan biyyattii haalawwan biyyoota akka Somaaliyaa, Yemenii fi Syria irraa barnoota argatee, rakkoo kanaaf furmaata nagaa barbaaduu qaba, jedhan.

Gama biraatiin, jiraattonnii fi mormitoonni hiriirawwan guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessaman irratti namoonni hedduun du’uu, madaa’uu fi hidhamuu dubbataa jiru. Har’a, magaalaa Finfinnee keessaa kan ani haasofsiise, hiriira Sanbata dabre magaalaa Finfinnee keessatti geggeessame irratti namoonni hedduun reebamuu hidhamuu dubbatu.

Hiriira Finfinnee Irratti namoota Heduutu Reebame Jedhu Jiraattonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:35 0:00
Xurree marsariitii
Hiriira mormii Oromoonni Finfinneeti bahan, Hagayya 6, 2016
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:41 0:00

XS
SM
MD
LG