Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaasii Oromoo USA,Norwey,Kanadaa fi biyyoota gara garaa jiraatu garuma jirutti hiriira bahee mootummaa Itoophiyaa himate


Hiriira mormii Waashingiton,DC
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:04 0:00

Hiriira mormii Waashingiton,DC

Akka karoorii hawaasii Oromoo biyyoota alaa jiran baase agarsiisutti ji’a kana keessaa keessattu Hagayya 16-24,bara 2016 tokkummaa hiriira mormii biyyoota alaatti bahama.Hiriirii kun waan mootummaan Itoophiyaa Oromoo fi ummata gara garaa tolche jedhan himachuuf bahe.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:53 0:00

Fakkeenna akka karroora hawaasii Oromoo addunyaa baafte jedhutti hardha, Waashingiton,DC,Naashville Tenesii,Noorwey Osloo, The Hague Nezerlandi,Jermenii,Adelaide,Perth Austiraaliyaa, Torontoo, Edmenden, Kanadaa faallee hiriiratti jira.

Hiriira kana haga guddaan hawaasa Oromoo naannoo isaaniitti qopheessa. Jarii hiriira bahe kun barreeffama akka akkaa,suuraa fi maqaa nama hedduu seera malee hidhame, ijjeefame jedhan qabatee rakkoo Itoophiyaa keessa jirtu jedhanii fi waan mootummaa Amerikaa rakkoo sun dhaabuuf tolchuu male jedhan bulchoota biyya jiraniitti himata.

Hiriira hawaasii Oromoo Waashingtiton,DC qopheesse ganama bulchiinsa mootummaa Amerikaa,White House duraatti jalqabee haga Ministirii haajaa alaa Amerikaa miilaan deemaa rakkoo jirtu himatee barreeffamalleen xalayaa bakka galafte.

Warrii Kanadaa Torontoo jriaatulleen naannoo Quens Park duratti hiriira bahe rakkoo himate.

Gaafiin isaaniilleen akka mootummaan Kanadaa akka jarii jedhutti dargaggoo biyya keessatti fixuutti jiran jedhan akka mootummaa Kanadaa quba qabaatu tolchuu.

Walumaattuu biyya alaa fulaa hedduutti dhiyoo tanaayyu hiriira mormiitti deemuutti jira haga tokko bilbilaan argachuu hin dandeenne.

XS
SM
MD
LG