Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira mormii hawaasii Oromoo Amerikaa magalaaa Washington DC-tti Qopheesse Irratti Nama Hedduutti Bahe


Hiriira mormii Oromoo Amerikaa,DC Fulbaana 29, 2016
Hiriira mormii Oromoo Amerikaa,DC Fulbaana 29, 2016
Hiriira mormii Oormoo Amrikaa Waashingiton,DC Fulbaana 29,2016
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:23 0:00

Galma Walgahii Kongireesii Amerikaa, Capitol Hill jalqabanii,karaa guddaa DC keessa wadhakkaa bahu,Pennsylvania Ave gulaa yaahanii, Constitution Ave jedhaniin qaxxaamurani karaa gugurdaa irraa yaahaa, Minsitirii Haajaa Alaa Amerikaatti dabaranii,Baankii Addunyaa gahahanii bulchiinsa mootummaa Amerikaa, White House deebihanii rakkoo Oromoo irra gahuutti jiru jedhan himatan.

Hawaasa Oromoo Amerikaa fi Kanaadaa dhufetti rakkoolee mootummaan Itoophiyaa Oromoo fi ummata biyya isii hedduun irraa gahuutti jiraa jedhan himachaa ture.

Hiriira hardhaa kana irratti akka warri qopheesse jedhutti hawaasa Oromoo godina Amerikaa fi Kanaadaa jiru 33 waliin qopheesse.Jarii dhufe kun bulchoota naannoo isaaniitii Kongireesii Amerikaa keessatti filatame waajjira isaaniitti walti dhufee rakkoo Oromoon keessa jirtu himate.

Gama kaaniin ammoo fala koreen haajaa alaa miseensotii mana marii Amerikaa fi senetiin dhiyeesse Resolution 432 fi HR.861,ka akka Itoophiyaa keessatti mirgii nama eegamuu fi mootummaa wayyaa qabu jiraatu gaafatu akka Kongireesiin Amerikaa dafee murtii irratti kennuu gaafachuuf.

Tanaaf akka warrii qopheessu jedhutti nama 4,000 tahutti Amerikaa gama Kaabaatii dhufe Waashingiton DC galma Walgahii Kongireesii Amerikaa Capitol Hill duratti walti dhufee karaa gugurdaa magaalaa DC irra maree rakkoo himate

Hiriirii kun akka mootummaan Amerikaa Itoophiyaa horiin gargaaruu lakkisu,akka Tokkummaan Mootummootaa waraana nama hiriira bahe fixe jedhan seeraatti dhiyeessuu,seera malee nama hidhuu fi ijjeesuu dhaabattuu fi waan hedduu gaafate.

XS
SM
MD
LG